Phaawulosii fi Barnaabaas Lisxiraanii fi Darbeen keessatti
8Lisxiraan keessa namichi miilli isaa laamshaʼe, kan dhaloota isaatii jalqabee naafa turee fi takkumaa miillaan deemee hin beekin tokko taaʼaa ture. 9Innis yeroo Phaawulos dubbatutti isa dhaggeeffachaa ture; Phaawulosis hubatee isa ilaalee akka namichi sun fayyuuf amantii qabu arge; 10sagalee guddaadhaanis, “Kaʼii miilla keetiin dhaabadhu!” jedheen. Namichi sunis ol utaalee kaʼe; miillaan deemuus jalqabe.
11Namoonnis yommuu waan Phaawulos hojjete arganitti, sagalee isaanii ol fudhatanii afaan Liqaaʼooniyaatiin, “Waaqonni bifa namaatiin nutti gad buʼaniiru!” jedhan. 12Isaanis Barnaabaasiin, “Zeʼoos” jedhan; Phaawulos immoo waan inni dubbataa hangafa tureef, “Hermeen” jedhaniin. 13Lubni Zeʼoos uummata wajjin aarsaa isaanii dhiʼeessuu barbaadee sangootaa fi daraaraa foʼame gara balbala magaalaatti fide; manni qulqullummaa Diyaas magaalaa sanaan alatti argama ture.
14Ergamoonni jechuunis Barnaabaasii fi Phaawulos garuu yommuu waan kana dhagaʼanitti wayyaa isaanii tarsaasanii iyyaa fiiganii uummata keessa seenan; akkanas jedhan; 15“Yaa jarana, isin maaliif waan kana gootan? Nus namuma akka keessanii ti. Akka isin waan faayidaa hin qabne kana irraa deebitanii Waaqa jiraataa isa samii, lafa, galaanaa fi waan isaan keessa jiru hunda uumetti deebitaniif nu oduu gaarii isinitti himna. 16Inni bara durii keessa akka saboonni hundinuu akkuma fedhanitti jiraatan isaan dhiise; 17taʼus dhuga baʼumsa malee of hin dhiifne. Bokkaa samii irraa roobsee midhaanis yeroo isaatti isinii kennee, garaa laafummaa isaa argisiiseera; soora hedduus isinii kennee garaa keessan gammachuudhaan guuta.” 18Jarri garuu dubbii kanaan iyyuu rakkina guddaadhaan akka tuunni sun aarsaa isaaniif hin dhiʼeessine of irraa deebisan.
19Yihuudoonni tokko tokko Anxookiiyaa fi Iqooniyoonii dhufanii uummata gara ofii isaaniitti deebifatan. Phaawulosin dhagaadhaan tumanii waan inni duʼe seʼaniis lafa irra harkisaa magaalaa keessaa gad isa baasan. 20Inni garuu yeroo barattoonni isatti naannaʼanitti kaʼee magaalaa seene; guyyaa itti aanutti immoo Barnaabaas wajjin magaalaa Darbeenitti qajeele.


