Phaawulosii fi Siilaas Ateenaa Keessatti
16Phaawulos utuu Ateenaa keessatti isaan eegaa jiruu akka magaalaan sun waaqota tolfamoodhaan guutamte argee akka malee gadde. 17Kanaaf mana sagadaa keessatti Yihuudootaa fi Giriikota Waaqa sodaatan wajjin, iddoo gabaatti immoo guyyuma guyyaan warra achitti argaman wajjin falmaa ture. 18Gareen falaasamtoota Efiiqoroosiitii fi Istoʼiki tokkos isaan falmaa ture; isaan keessaa tokko tokko, “Namichi legellegaan kun maal jedha?” jedhan. Warri kaan immoo, “Inni waaʼee waaqota ormaa labsa fakkaata” jedhan. Phaawulos waaʼee Yesuusii fi waaʼee duʼaa kaʼuu lallabaa tureetii. 19Isaanis isa qabanii gara wal gaʼii Ariyoosphaagositti geessan; achittis akkana jedhaniin; “Barsiisni haaraan ati fidde kun maal akka taʼe beekuu dandeenyaa? 20Ati waan nu takkumaa hin dhagaʼin nutti himaa jirta; kanaaf nu akka wanni kun maal jechuu taʼe beekuu feena.” 21Warri Ateenaa hundii fi namoonni biyya ormaa kanneen achi jiraatan yeroo isaanii waan haaraa dhagaʼuu fi odeessuu irratti malee waan biraa irratti hin balleessan ture.
22Phaawulosis wal gaʼii Ariyoosphaagos walakkaa dhaabatee akkana jedhe; “Yaa namoota Ateenaa! Ani akka isin karaa hundaanuu warra amantaa taatan nan hubadha. 23Ani yommuun nanaannaʼee waan isin waaqeffattan ilaaletti iddoo aarsaa kan katabbii,
Waaqa hin Beekamneef,
jedhu of irraa qabu argeeraatii. Egaa amma waan isin utuu hin beekin waaqeffattan kana isinittin hima.
24“Waaqni addunyaa fi waan ishee keessa jiru hunda uume sun Gooftaa samiitii fi lafaa ti; inni mana qulqullummaa kan harka namaatiin hojjetame keessa hin jiraatu. 25Inni mataan isaa sababii jireenya hafuura baafatamuu fi waan biraa hunda nama hundaaf kennuuf akka waan waa dhabeetti harka namaatiin hin tajaajilamu. 26Inni saboota hunda nama tokko irraa uumee akka isaan lafa hunda irra jiraatan godhe; bara jireenyaa kan isaanii kennamee fi daarii lafa isaan jiraatanii murteesse. 27Waaqni yoo tokkoo tokkoo keenya irraa fagoo jiraachuu baate iyyuu akka namoonni isa barbaadanii, tarii carraaqaniis isa argataniif jedhee waan kana godhe. 28Akkuma beektonni keessan tokko tokko, ‘Nu ilmaan isaa ti’ jedhan sana ‘Nu isa keessa jiraanna; isa keessa sochoona; eenyummaa keenya illee isa keessatti qabaannaatii.’
29“Kanaafuu nu waan ilmaan Waaqaa taaneef Waaqni waan akka warqee yookaan meetii yookaan dhagaa jechuunis waan ogummaa fi beekumsa namaatiin hojjetame fakkaata jennee yaaduu hin qabnu. 30Waaqni bara wallaalummaa durii hin ilaalu ture; amma garuu akka namni iddoo hunda jiru hundi qalbii jijjiirratu ajaja. 31Innis guyyaa itti harka namicha filate sanaatiin qajeelummaadhaan addunyaatti muru murteesseeraatii; kanas warra duʼan keessaa isa kaasuun nama hundumaaf mirkaneesseera.”
32Isaan keessaa namoonni tokko tokko yommuu waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii dhagaʼanitti ni qoosan; warri kaan immoo, “Nu ammas dubbii kana sirraa dhagaʼuu barbaanna” jedhan. 33Kana irratti Phaawulos isaan keessaa baʼee deeme. 34Namoonni tokko tokko garuu gama Phaawulos goranii amanan; isaan keessaas namichi Diiyonaasiyoos jedhamu kan miseensa Ariyoosphaagos ture tokko, dubartiin Damaariis jedhamtuu fi namoonni biraas isaan wajjin turan.


