Karra Dhiphaa fi Karra Balʼaa

13“Karra dhiphaadhaan seenaa. Karaan badiisatti geessu balʼaadhaatii; karri isaas balʼaa dha; namoonni ittiin seenanis baayʼee dha. 14Garuu karri isaa dhiphaa dha; karaan jireenyatti nama geessu qalʼaa dha; warri isa argatanis muraasa.