Yesuus Jaamota Lama Fayyisuu Isaa

27Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.

28Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate.

Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.

29Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen. 30Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise. 31Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.

32Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan. 33Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.

34Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.