Hujii Lewwoota Dhibi'ii

29Sanyii Yizhaarii keessaa Qayinaanii fi ilmaan isaa, hujii Galma Waaqaatiin alaatitti kolbaa Israa'elii irratti qondaaltotaa fi abbootii mura'aa te'ane.

30Sanyii Kebroonii keessaa Hashabiiyaa fi firri isaa namooti kum tokkoo fi dhibbi torbaa, hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa ta laga Yordaanosii irraa karaa aduun seentu jirtu irratti itti gaafatamumma'aan ramadamane. 31Akka hidda dhaloota maatii isaaniititti sanyii Kebroonii keessaa, Yeriiyaan sooressa te'e. Daawiti mootii te'ee woggaa afurtameesso'ootitti yennaa galmeen qorqoramee sanyii Kebroonii keessaa loltooti goototi biyya Giil'aadii qachaa Yaazer keessatti dhaggamane. 32Yeriiyaan firoota dandeettii qabanuu fi sooreyyii maati'ii ka te'ane namoota kuma lamaa fi dhibba torba qabaayyu; mootichi Daawiti akka isaan kutaa biyya Ruubenii, kutaa biyya Gaadiitii fi gamisa gosa Minaase'ee keessatti hujii Waaqaatii fi hujii mootichaa hujanu itti gaafatantoota godhe.