Waabaa Sageettuu Irraa Hujame
23Hiiraam sageettuu baqisiisee, waabaa bisaanii ka badhinni keessa isaa ciqilee kudhanii, hojjaan isaa ciqilee shanii, marsi bukkee isaa ciqilee soddomaa huje. 24Irga afaan waaba'aatiin jala gara duubaatiin, fakkiin buqqi'ii kudhan ta sageettuu irraa hujante, ciqilee tokko tokkotti kudhan kudhaniin, tarree lama lamaan marfanteerti. 25Waabaan bisaanii sun, dudda fakkii korommii kudhanii lamaa, ta sageettuu irraa hujantee, sad gara kaabaa, sad gara kibbaa, sad gara aduun baatu, sad gara aduun seentutti fuula galanee hudduu wolitti galaneeranu irra dhaabbateeraayyu. 26Furdinni waabaa sanii haga ganaa harkaa ti; irgi afaan isaalle akka irga afaan muduunu'uu hujamee, fakkii daraara'aa fakkaata; waabaan kun bisaan gara litirii kuma afurtamaa qabata.
27Hiiraam sageettuu irraa waan meya irra keyatanu, ka korboo qabu kudhan huje; tokko tokkoon isaanii dheerinni ciqilee afur, badhinni ciqilee afur, hojjaan ciqilee sad. 28Akki wonni meya irra keyanu kun hujamane asii gad jira: isaan sageettuu baxxittii roga afurii ta kiphaa qajeelee dhaabbattetti qassiifante qabaniiyyu. 29Sageettuu baxxittii wodhakkaa kiphaa qajeelee dhaabbate san jirtu irratti fakkiin neenqotaa, korommi'iitii fi dada ol-gubba'aa ta koola qaddutti kaafameera; kiphaa qajeelee dhaabbate san irralle'etti akkasuma godhe; fakkii neenqotaatii fi korommi'ii san gubba'aa fi jalatti fakkii daraaraa marameetitti irratti qiriixameera. 30Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaaniituu korboo sageettuu irraa hujante afurii fi ulee sibiila sageettu'uu ta korboon irra garagaggaltu wolitti qassiittu lama qaban; gama arfanuu irra utuboota qorii itti dhiqatanu kiphu afuritti jiraayyu; utubooti sun fakkii daraaraa maramee ka sageettuu irraa baqisiifamee hujamee qabaniiyyu. 31Waan meya irra keyanu san gara keessaatiin, qoriin itti dhiqatanu sun xiyyoo ciqilee tokko dheerattu qaddi; afaan qorii itti dhiqatanu sanii koobbicha; ciqilee tokko dheerata; morma irralle'etti seesa qaba; wonni meya irra keyanu sun koobbicha adoo hin te'in, roga afur qaba. 32Korboon arfanuu, sageettuu baxxittii waan meya irra keyanu san jala jirti; uleen sibiila sageettu'uu, ta korboon irra garagaggaltu, waan meya irra keyanu saniin wolitti qassiifanteerti; badhinni korboo tokko tokkootuu ciqilee tokkoo fi wodhakka'a. 33Korboon tun korboo garreettaa fardaan harkifamuu fakkaatti; uleen isi'ii, rogi afaan isi'ii, dagaleen isi'iitii fi urati uleen isi'ii keessa seenu, sageettuu irraa hujame. 34Wonni meya irra keyanu tokko tokkoon isaatuu, roga arfanuu irratti waan qabatanu qaban. 35Qaccee waan meya irra keyanuu irra, wonni akka qube'ee naanneffamee, taakkuu tokko ol dheeratu jira; utubootaa fi sageettuun baxxittiin isaa, mataa waan meya irra keyanuu woliin, wolitti qassiifamaneeran. 36Inni utubootaa fi sageettuu baxxittii irratti, addee duwwaa jirtu mara irratti, fakkii Dada ol-gubba'aa ta koola qadduu, fakkii neenqotaatii fi fakkii muka meexxi'ii, daraaraa marame woliin cinaa isaanii mara irratti qiriixee huje. 37Hiiraam akka kanaan waan meya irra keyanu kudhan huje; wonni meya irra keyanu kun martinuu, addee takka'atti waan baqisiifamaneef, hagii fi akki isaanii martinuu tokkochuma.
38Hiiraam sageettuu irraa, waan meya irra keyanu tokko tokkoofuu, qorii itti dhiqatanu kudhan, ta bisaan gara litirii dhibba saddeeti qabattu huje; badhinni qorii tokko tokkootuu ciqilee afur. 39Inni waan meya irra keyanu san keessaa shan, Galma Waaqaa irraa gara kibbaa, shan gara kaabaa keye; qorii itti dhiqatanu ammoo, roga Galma Waaqaa irra kibba irraa gara baya adu'uutitti keye.


