Solomoon Wolde'a Eebbise
54Solomoon addee ciinca'aa duratti jilbiiffatee, harka ifii diriirsee gara Mootii Waan Maraa daadimataa fi gaaffii ifii fixateen duuba ol ka'ee, 55qoonqoo ifii ol qabatee, wolde'a Israa'elii mara eebbisee,
56«Akkuma waadaa galetti, Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii Israa'eliif lafa kenne leellifamuu ti. Waadaa dansaa inni karaa tajaajilaa ifii Muuse'eetiin gale mara keessaa tokkolle adoo hin muummowin hin hanne. 57Mootiin Waan Maraa Waaqi keenna abbootii teenna ta durii woliin akkuma jiraate, nu wolille'een jiraatuu ti; inni nu hin lakkisin; nu hin gatinille'e. 58Ajaja, seerataa fi seera inni abbootii teenna ta duriitiif kenne mara akka eegannuu fi karaa isaa mara irra akka deddeebinuuf, qalbii teenna gara ifii deebisuu ti. 59Ana tajaajilaa isaatii fi kolbaa isaa Israa'eliif, guyyaa guyya'aan wonni barbaachittu marti akka nuu teetuuf, gaaffiin tiyya ta ani halkanii fi guyyaa Mootii Waan Maraa duratti gaafadhu, Mootii Waan Maraa Waaqa keenna dura dhikaattuu ti. 60Achiin duuba kolbaan lafa irraa marti Mootiin Waan Maraa Waaqa akka te'e, isa malee Waaqi dhibiin akka hin jirre hin beetti. 61Isin kolbaan isaa akkuma adha godhiisatti jirtanu, seerata isaatiin deddeebi'aa, ajajoota isaa eegataa, Mootii Waan Maraa Waaqa keennaaf, ka addatantane te'a'a» jedhe.


