Raagichi Miikiyaas Ahaab Ifi Eeggachiise
(2 Dab. 18:2-27)
1Sooriya'aa fi Israa'el wodhakkaa woggaa sadiif lolli hin jiruuyyu; 2woggaa sadeesso'ootitti ammoo mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax mootii Israa'elii Ahaab ilaaliisaaf dhaqe.
3Mootiin Israa'elii Ahaab qondaaltota ifiitiin, «Raamoot-Giili'aad teenna adoo teeteertuu, harka mootii Sooriya'aatii deebifatiisaaf, nuuti waan tokkolle akka hin godhin hin beettanii motii?» jedhe. 4Maarre Ahaab Yoshaafaaxiin, «Raamoot-Giili'aad loliisaaf na woliin hin dhaxxaa?» jedhee gaafate; Yoshaafaax deebisee, «Ani akkuma keeti; kolbaan tiyya teeti; fardoon tiyyalle teeti» jedhe. 5Yoshaafaax ammalle, mootii Israa'elii Ahaabiin, «Dursiitii fedha Mootii Waan Maraa gaafadhu» jedhe.
6Tanaaf Ahaab raagota gara nama dhibba afurii wolitti qabee, «Raamoot-Giili'aaditti hin duula moo hin lakkisa?» jedhee isaan gaafate.
Isaanille, «Dhaqiitii loli; Goottaalle harka keetitti dabarsee isaan hin kenna» jedhanee deebisane.
7Yoshaafaax ammoo, «Raagichi Mootii Waan Maraa ka nuuti gaafannu ka dhibiin as hin jiruu?» jedhee gaafate.
8Ahaabille, «Raagichi dhibiin ka karaa isaatiin fedha Mootii Waan Maraa nuuti gaafannu, ilmi Imla'aa Miikiyaas hin jira; ammoo inni yennaa mara hantuu malee, waan dansaa ijjumaa naaf raagee waan hin beenneef, ani isa hin jibba» jedhee deebise.
Yoshaafaax deebisee, «Mooticha, ati akkas dubbatiisaaf hin malle» jedhe.
9Achiin duuba Ahaab qondaaltota mana mootumma'aa keessaa tokko waamee, «Dhaqiitii, ilma Imla'aa Miikiyaas dafii fidi» jedhe ajaje.
10Yennaa kana mootichi Israa'elii Ahaab fi mootichi Yihuda'aa Yoshaafaax woyaa mootumma'aa ifii uffatanee, seensuma karra qachaa Samaariya'a dura eeddummee keessa raagota mootota duratti raaga dubbatiisatti jirtu woliin tee'aneeraniiyyu. 11Raagota san keessaa ilmi Kine'aanaa Zedeqiiyaan gaafota sibiila irraa hujee Ahaabiin, «Mootiin Waan Maraa, ‹Gaafota kanaan haga isaan badanutti worra Sooriya'aa hin woraanta› jedha» jedhe. 12Raagoti martinuu akkasuma, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan isaan kennuuf, hin injifattaa, dhaqiitii, Raamoot-Giili'aad loli» jette.
13Namichi Miikiyaas waamiisaaf ergamee dhaqe, Miikiyaasiin, «Kunoo, raagoti martinuu mootichi Ahaab akka injifatu raagiisatti jiran; atille akkuma isaanii waan dansaa raagiif» jedhe. 14Miikiyaas ammoo, «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, ani waan Mootiin Waan Maraa natti dubbate qofa isatti hima» jedheen.
15Miikiyaas yennaa gara Ahaabii mootichaa dhufe, mootichi, «Miikiyaas! Mootichi Yoshaafaaxii fi ani Raamoot-Giili'aaditti hin duulla moo hin lakkinna?» jedhee gaafate.
Miikiyaasille, «Mootiin Waan Maraa harka keetitti dabarsee waan kennuuf, hin injifattaa, itti duuli» jedheen.
16Ahaab ammoo, «Waan dhugaa te'e malee, waan dhibii maqaa Mootii Waan Maraatiin akka ati natti hin hinne, yennaa meeqa si kakachiisa?» jedheen.
17Achiin duuba Miikiyaas, «Loltooti Israa'elii marti akka hoolee tissee hin qannee, kooba irratti bittinnowaneeranuun dhagge. Mootiin Waan Maraa, ‹Namooti kun sooressa hin qabanu; tanaaf tokko tokkoon isaanii nageyaan gara mana ifii deebi'anuu ti› jedheera» jedhee deebise.
18Mootichi Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Inni marroo tiyyaaf hantuu malee, waan dansaa ijjumaa akka raaga hin dubbanne ani sitti hin hinnee?» jedheen.
19Miikiyaas itti dabalee, «Tanaaf waan Mootiin Waan Maraa jedhu dhage'i! Mootiin Waan Maraa barcumaa mootummaa ifii ka ol-gubba'a irra tee'ee, ergantooti isaa martinuu middaa fi bitaa isaa dhaabbataneeranuun dhagge. 20Mootiin Waan Maraa, ‹Ahaab gara Raamoot-Giili'aadii dhaqee achitti akka ijjeefamu eentu isa dokonkorsuu dande'a?› jedhe. Ergantoota Mootii Waan Maraa keessaa tokko waan tokko, kuun waan dhibii dubbate; 21dhuma irratti, ayyaanni tokko dhufee Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee, ‹Ani isa hin dokonkorsa› jedhe. 22Mootiin Waan Maraalle, ‹Attam gootee dokonkorsita?› jedhe gaafate. Ayyaanni sun deebisee, ‹Ani dhaqee afaan raagota Ahaabii mara keessatti ayyaana soba dubbachiisu hin te'a› jedhe. Mootiin Waan Maraa, ‹Dhaqiitii dokonkorsi; si'iif hin milkootti› jedhe. 23Tanaaf Mootiin Waan Maraa ayyaana sobaa afaan raagota teetii keessa keyee, badiille akka sitti dhuttu murteesse» jedhee dubbii ifii buufate. 24Achiin duuba Zedeqiiyaan ilmi Kine'aanaa gara Miikiyaasii dhaqee, isa kabalee, «Karaa kamiin ayyaanni Mootii Waan Maraa ana irra dabaree sitti dubbatte?» jedhee gaafate.
25Miikiyaas deebisee, «Gaafa dhokatiisaaf kolloo gara keessaa seente hin dhaggita» jedhe.
26Achiin duuba mootichi Ahaab qondaaltota ifii keessaa tokko ajajee, «Miikiyaas qabiitii gara Amoonii bulchaa qacha'aatii fi gara Yo'aasii ilma mootichaa geessi! 27Isaan isa hidhanee, haga ani nageyaan deebi'utti daabbo'oo fi bisaan malee waan tokkolle akka itti hin kennine itti himi» jedhe.
28Miikiyaas deebisee, «Ati nageyaan yoo deebite Mootiin Waan Maraa karaa kiyyaan hin dubbanne jechu'u! Isin kolbaan marti dubbii tiyya tana qalbeeffadha'a!» jedhe.


