Du'a Ahaabii

(2 Dab. 18:28-34)

29Maarre mootiin Israa'elii Ahaabii fi mootiin Yihuda'aa Yoshaafaax qachaa gara Raamoot-Giili'aadii dhaqane. 30Mootiin Israa'elii Ahaab Yoshaafaaxiin, «Eennulle akka na hin beenneef, woyaa dhibii uffadhee duula hin dhaqa; ati ammoo woyaa teeti ta mootumma'aa uffadhu» jedheen. Tanaaf mootichi Israa'elii Ahaab eennulle akka isa hin beenneef woyaa dhibii uffatee duule.

31Mootiin Sooriya'aa ammoo ajajjoota loltoota ifii ta garreettaa fardaan harkifamuu soddomii lama ajajee, «Mooticha Israa'elii malee, diqqa'aa fi guddaa tokkolle hin lolina'a» jedhe. 32Isaan mooticha Yoshaafaax yennaa dhaggane, «Dhugumaa kun mooticha Israa'elii ti» jedhanee isa loliisaaf gara itti galane. Yoshaafaax yennaa iyye ammoo, 33ajajjooti loltoota garreettaa fardaan harkifamuu akka inni mooticha Israa'elii hin te'in yennaa dhaggane, isa ari'iisa lakkisane. 34Isaan keessaa namichi tokko guubee ifii duuchi-balleessii darbatee, wodhakkaa uffanni sibiilaa ka mootichi Ahaab uffateeru lamaan wol qabateeruun isa woraane; mootichi Ahaab nama garreettaa fardaan harkifamu oofuun, «Ani waan madoweef, garreettaa fardaan harkifamu gara duuba garagalfadhuutii addee lolaa tana keessaa na fuudhii deemi!» jedhee ajaje.

35Gaafa san lolli o'ee, mootichi Ahaab gara worra Sooriya'aa fuula galee garreettaa ifii ka fardaan harkifamu keessa itti irkatee dhaabbate; dhiigi madaa isaa irraa garreettaa keessatti gad lola'ee, inni galgaluma san du'e. 36Aduun seeniisatti jirtuun, «Nami martinuu gara biyya biyya ifii, gara qachaa qachaa ifii deebi'ee deemuu ti!» ajaji jedhu quttuma loltoota Israa'elii keessatti dhage'ame.

37Maarre mootichi Ahaab du'ee, reeffa isaa gara qachaa Samaariya'aa fidanee awwaalane. 38Garreettaa isaa ka fardaan harkifamulle baleessa Samaariya'aa ka sagaagaltooti itti dhiqatutti dhiqanee, akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate dhiiga isaa sareen arraadde.

39Wonni dhibiin ta mootichi Ahaab bara mootummaa ifii godhe, wonni inni huje marti, manni isaa ka mootumma'aa ka inni ilka arbaatiin seesee ijaaree fi qachooti inni ijaare marti kitaaba dabarsii mootota Israa'elii keessatti barreeffanteerti. 40Maarre mootichi Ahaab du'ee, addee isaatitti ilmi isaa Ahaaziyaan mootii te'e.