Phawuloos Ergamaa Te'iisaan Rakkate

16Ani ammalle isiniin jedha; eennulle gowwaa na hin seyin; yoo seetane ammoo diqqumalle akka ifi jajuuf akka gowwa'aatitti na fudhadha'a. 17Akka kana ifi jajiisaan yennaa dubbadhu akka gowwa'aa te'eeti malee, akka fedha Gootta'aatii moti. 18Worri hedduun akka yaada fooniititti ka ifi jaju eega te'e, anille ifi hin jaja. 19Isin qaroolee waan teetaneef, gowwoolee gammadaan hin ossattan. 20Nami yoo garba isin godhate yookiin yoo isin irra nyaate yookiin bu'aa ifiitiif yoo isin fayyadame yookiin yoo isin tuffate yookiin yoo isin dhabanaase hin ossattan. 21Nuuti ammoo waan saniin dadhaboolee te'uu kennaan fokkifataa dubbadha.

Eennulle ifi jajiisaaf ila yoo jabaate, anille akkuma isaa ila jabaadhee ifi jaja. Ammalle akka gowwa'aa te'ee tana jedha. 22Isaan worra Ibirootaatii? Anille nama Ibirootaa ti. Isaan worra Israa'eliitii? Anille nama Israa'elii ti. Isaan sanyii Abrahaamiitii? Anille sanyii Abrahaamii ti. 23Isaan tajaajiltoota Kiristoosiitii? Ani isaan caalaa tajaajilaa Kiristoosii ti. Ani akka maraata'aa tana dubbadha; ani isaan caalaa yennaa hedduu huji'iin dadhabeera, yennaa hedduu hidhameera, yennaa hedduu dikameera, yennaa hedduulle du'a geyeera. 24Ani lichee soddomii sagal sagal yennaa shan harka Yihudootaatitti dhaanameera. 25Yennaa sad ciira'aan dhaanameera; yennaa tokko dhaka'aan tumameera; yennaa sad caccab hoboloo gudditti'ii na dhaqqabeera; guyyaa tokkoo fi halkan tokko galaana irra oolee buleera. 26Yennaa hedduu ideensa irra waan tureeruuf, balaan laga guutee, balaan saantotaa, balaan gosa tiyyaatii fi worra Yihudoota hin te'in irraa, balaan qacha'aa fi gammoojjii keessatti, balaan abbaayaa keessalle'etti, balaan kiristaanota dharaameyyii irraa na dhaqqabeera. 27Hujii hantuu hujee, akka malee eloweera; yennaa hedduu hirriiba dhabeera; yennaa hedduu beelodhee dheebbodheera; yennaa hedduulle sagalee dhabeeraayyu; boojji'ii fi daara dageera. 28Waan dhibii lakkisii marroo wolde'oota kiristaanaatiif, guyyuma guyya'aan hedaa yaaddowaa ture. 29Eentu dadhabeeruun, ani dadhabuu dhabeera? Eentu cubbu'uun gufatuun, gadhaan na laalatuu dhabeera?

30Ifi jajiis yoo barbaachise, ani waan dadhabbii tiyya mudhisuun ifi jaja. 31Waaqi, Abbaan Goottaa kenna Yesuus Kiristoosii, ka haga bara baraa galateeffame, akka ani sobaa hin dubbanne hin beeka. 32Yennaa ani qachaa Damaasqo'oo keessa jiru, bulchaan mooticha Areexaasiin jalatti bulchiisatti jiru, na qassiisiisaaf barbaadee, karroota qacha'aa eeddotaan eessisaa ture. 33Namooti ammoo, qiriccoo keessa na keyanee urata dalleyaatiin na buusaneeranuun isa jalaa miliqe.