Yaada Phawuloos Worra Qorontoosiitiif Qabu

11Ani akka gowwa'aa dubbadhe; akka ani akkas dubbadhu isinitti na godhe; na deeggaruu ka qaddanu silaa isin; ani woyittuu laakkowamuu dhabulle, worra ergantoota gugurdoo jedhamane karaa tokkolle'een hin hanqadhu. 12Ani yennaa odduu teessan jiru, hujiin ani ossaan huje, akka ani ergamaa dhuga'aa te'e hin mirkaneessiti. Kunille beessisa, baasaa fi bilbaasota. 13Ani ijjumaa isinitti ba'aa te'a dhabuu kiyya malee, ani maaniin wolde'oota Kiristaanaa dhibii isin hanqise? Tunille akka yakka'aatitti ta laakkowantu yoo teete naa araarama'a.

14Gara keessan dhufiisaaf qophowuun kiyya, amma yennaa sadeesso'oo ti; ani isinitti ba'aa te'iisa hin fedhu; ani ka barbaadu isin malee, beesee teessanii moti. Ijoollee ifiitiif karra ka kuusu worra malee, ijoolleen worra ifiitiif karra hin kuuchu. 15Ani isiniif jedhee waan qabu duudii, ifille dabarsee adoo isiniif kenne guddoo hin gammada. Eega ani akkana guddisee isin jaaladhe, isin diqquma na jaalatanii ree?

16Maarre teetuutii, akka ani isin irratti ba'aa hin te'in tana wolii galla; ammoo maltumma'aa fi sobaan waan harkatti isin galfadhe seyaartan. 17Ani namoota gara keessan erge keessaa, karaa nama tokkochaatille'een woy isin irraa nyaadheera ree? 18Tiitoos gara keessan akka dhufu kadhadhee, obboleessa keenna sanille isa woliin ergeera. Tiitoos woy isin irraa nyaateeraa ree? Anii fi inni ayyaana tokkoonii motii ka isin tajaajille? Ideensi keennalle tokkoo motii ree?

19Isin duudiin haga ammaa, waan nuuti isin duratti marroo teennaaf falmataarru gootanee ilaalaartanii? Nuuti Kiristoosiin jiraannee, Waaqa duratti dubbataarra. Jaalota tiyya! Nuuti isin ijaariisaaf jennee tana duudii dubbataarra. 20Yennaa ani gara keessan dhufu akka ani barbaadu adoo isin hin te'in, anille akka isin barbaaddanu adoo hin te'in, takki wol dhaggina fa'a jedhee sodaadha. Takki fa'a lolli, hinaaffaan, aariin, ifi jaalatuun, maqaa namaa balleessuun, hamiin, kooriisaa fi hogaan odduu teessan jiraatuu jedhee sodaadha'a. 21Deebi'ee gara keessan yennaa dhufu, Waaqi kiyya isin duratti na fokkisiisa jedhee sodaadha; tanaan qara worri cubbuu battumma'aa, sagaagalumma'aatii fi baalagumma'aa hujane, waan cubbuu irraa hin deebi'iniif gaddda keessa bu'innaa jedhee sodaadha.