Filiphoosii Fi Guneessicha Itoophiya'aa
26Ergamaan Waaqaa Filiphoosiin, «Ka'iitii, Yerusaalem irraa karaa kibba goomolee Gaaza'aa geessu dhaqi» jedheen. 27Maarre Filiphoos ka'ee dhaqe; namichi guneessichi Itoophiya'aa tokkolle itti dhufe; inniin kun qabeenna giittittii Itoophiya'aa ta «Kandaakee» jedhantuu irratti qondaala ture; inni Waaqa waaqonfatiisaaf gara Yerusaalemii dhaqeera. 28Inni gara biyya ifii yennaa deebi'u garreettaa geejjibaan harkifamu irra tee'ee, kitaaba raagicha Isaayaasii dubbisaaraayyu. 29Ayyaanni Woyyichi Filiphoosiin, «Beenu gara garreettaa geejjibaan harkifamu sanii dhikaadhu» jedhe. 30Filiphoosille gara garreettaa fardaan harkifamuu san rukkisee, guneessichi sun kitaaba raagicha Isaayaasii keessaa dubbisuun dhage'ee, «Wonni ati dubbittu kun sii galaaraa?» jedhee gaafate.
31Guneessichi deebisee, «Adoo nami tokko naaf issee hin himin attamiin hubatiisa dande'a?» jedhe. Maarre inni akka Filiphoos garreettaa fardaan harkifamu san yaabee isa bira tee'uuf waame.
32Addeen inni Barreeffama Woyyicha keessaa dubbisiisatti jiru,
«Inni akka hoolee qalantuu oofame;
akka ilmayyoo hoole'ee,
yennaa nami rifeensa irraa muru cadhittuu,
Inni waan tokkolle hin dubbanne.
33Inni ifi gad qabee, muraa dhuga'aa dhabe.
Jiruun isaa lafa irraa waan fudhatanteef,
eennuttuu sanyii isaa himuu dande'a?» ka jedhu.
34Guneessichi Filiphoosiin, «Raagichi waan kana marroo eennuu dubbataara? Marroo ifiiti moo marroo nama dhibi'ii ti? Me natti himi» jedhe. 35Achiin duuba Filiphoos dubbatiisa jalqabee, Barreeffama Woyyicha kana irraa kaasee, Oduu Gammadaa marroo Yesuus Kiristoosii isatti hime. 36Isaan adoo karaa san gad deemanuu, bisaan tokko bira geyane. Guneessichi, «Bisaan kunoo ti; akka ani hin cuuphanne wonni na dhooggaa maan?» jedhe. [ 37Filiphoos deebisee, «Gadhaa tokkoon yoo dhugeeffatte hin dandeetta» jedhe. Guneessichi deebisee, «Yesuus Kiristoos Ilma Waaqaa akka te'e hin dhugeeffadha» jedhe.] 38Guneessichi garreettaa fardaan harkifamu akka dhaabbatu ajaje; innii fi Filiphoos gara lagaa dhaqanee, Filiphoosille isa cuuphe. 39Isaan bisaan keessaa yennaa bayane, Ayyaanni Gootta'aa Filiphoos butee fuudhee deeme. Guneessichi deebi'ee isa hin dhaggine. Teetuu malee karaa ifiititti deebi'ee, gammadaa deeme. 40Filiphoos ammoo qachaa Azooxonii keessatti dhaggamee, Oduu Gammadaa qachoota maraa keessatti lallabaa, gara qachaa Qiisaariya'aa dhaqe.


