Qachaa Pherge'eetii Fi Anxokiya'atti Lallabane

13Phawuloosii fi hordofattooti isaa lafa Phaafoosiitii hobolo'oon ka'anee, gara qachaa Pherge'ee ka Phamfiliyaa keessatti dhaggamuu dhaqane; Yohaannisiin Maarqoos jedhamu ammoo, isaan lakkisee gara Yerusaalemii deebi'e. 14Isaan ammoo lafa Pherge'eetii ka'anee, gara qachaa Anxokiya'aa ka lafa Phisiidiya'aa keessatti dhaggamuu dhaqane; guyyaa Sanbataa mana waaqonfannaa Yihudootaa seenanee tee'ane. 15Kitaab Seera Muuse'eetii fi Raagotaa dubbifameen duuba, bulchitooti Mana Waaqonfannaa Yihudootaa isaanitti erganee, «Obboleeyyan, jecha nama jajjabeessu yoo qabaattane dubbadha'a» jedhane. 16Yoos Phawuloos ka'ee harkaan isaan haatatee: «Kolbaa Israa'eliitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu, waan ani jedhu dhage'a'a! 17Waaqi kolbaa Israa'elii, abbootii teenna fowatee, yennaa isaan akka ormaatitti biyya Gibxii keessa le'ane, gosa guddoo isaan godhe. Inni hunna guddoo ifiitiin biyya Gibxi'ii keessaa isaan baasee, 18haga woggaa afurtamaa lafa goomole'ee keessatti isaan ossate. 19Inni lafa Kana'aanii keessaa gosa biyya adda addaa torba balleessee, lafa isaanii kolbaa ifiitiif kenne. 20Wonni kun duudiin gara woggaa dhibba afurii fi shantamaa keessatti teete.

«Kanaan duuba Waaqi haga bara Saamu'elii raagichaatitti abbootii mura'aa isaaniif kenne. 21Yennaa isaan mootii nu'uuf kenni jedhanee gaafatanetti, Waaqi gosa Beniyaaminii keessaa Saa'olii ilma Qiishii isaaniif kenne; innille woggaa afurtama isaan bulche. 22Saa'ol mootummaa irraa buuseen duuba, Waaqi Daawiti mootii isaanii godhe. Waaqi marroo isaatiif dhugaa bayee, ‹Ani, Daawitii ilma Iseyii nama akka gadhaa kiyyaa, ka fedhii tiyya duudii muummessu dhaggadheera› jedheera. 23Waaqi akkuma waadaa galetti, sanyii namicha kanaa keessaa fayyisaa Yesuus kolbaa Israa'eliitiif fideera. 24Dhufa Yesuusiitiin dura Yohaannis, kolbaan Israa'elii marti cubbuu irraa deebitee akka cuuphantuuf lallabeera. 25Yohaannis tajaajila ifii fixatiisatti adoo jiruu kolba'aan, ‹Isin eennu na seetan? Ani ka isin eegattanu sanii moti. Ammoo ka ani hidhaa kophee isaa hiikiisaafille hin teene, na duubaan dhufaara› jedheen.

26«Obboleeyyan tiyya, isin sanyiin Abrahaamiitii fi worri Yihudoota hin te'in ka Waaqa waaqonsitanu duudiin, ergaan fayyinnaa tun nu duudi'iif ergante. 27Kolbaan Yersaalemiitii fi sooressitooti isaaniille Yesuus fayyisaa akka te'e hin beenne; isaan dubbii raagotaa ta Sanbata Sanbataan dubbifantu hubatuu dhabiisaan isatti muranee, dubbiin raagaa akka muummottu godhane. 28Isaan sababa ittiin Yesuus ijjeesisanu dhabanulle, akka inni ijjeefamuuf Philaaxoos gaafatane. 29Waan Barreeffam Woyyichi marroo isaatiif jedhu duudii muummessaneen duuba, muka irratti fannifame irraa gad buusanee awwaalane. 30Waaqi ammoo du'a irraa isa kaase. 31Inni guyyaa hedduu worra isa woliin Galiilaa irraa gara Yerusaalemii dhufanetti mudhate. Amma isaan kolbaa teennaaf dhugaa bayoota.

32«Nuuti waan Waaqi abbootii teennaaf waadaa gale Oduu Gammadaa isinitti hinna. 33Inni Yesuus du'aa kaasiisaan waadaa isaaniif gale, nu'u ijoollee isaaniitiif muummesseera. Kunille kitaaba Faaru'uu ka lammeesso'oo keessatti,

« ‹Ati Ilma kiyya;

ani adha si uumadheera› jedhantee barreeffanteerti.

34Akka inni du'a irraa isa kaasee fi tortoree hin jirre Waaqi mirkaneessiisaaf,

‹Ani eebba woyyichaa fi addatamaa,

ka Daawitiif waadaa gale isiniif hin kenna› jedheera.

35Tanaaf kitaaba Faaru'uu ka dhibii keessalle'etti,

‹Ati Woyyichi keeti awwaala keessatti akka tortoru hin lakkittu› jedha.

36Daawiti bara ifiititti fedha Waaqaa tajaajilee du'eera; nafi isaalle abbootii isaa biratti awwaalamee tortoreera. 37Ka Waaqi du'a keessaa kaase ammoo, nafi isaa hin tortorre. 38Tanaaf obboleeyyan tiyya, araarri cubbu'uu karaa Yesuusiitiin akka isinii lallabame beeka'a. 39Nami isatti dhugeeffatu duudiin, cubbuu seerri karaa Muuse'eetiin kenname bilisa baasiisaaf hin dandeenne duudii jalaa bilisa baya. 40-41Tanaaf wonni raagoti,

« ‹Ilaala'a, isin worra shasheessitoota! Baaseffadha'a! Bada'a!

Waan eennulle yoo isinitti hime hin dhugeeffanne,

ani bara keessanitti hin huja› jedhantee ta dubbatante,

akka isin irratti hin muummonne ifi eegadha'a» jedhe.

42Yennaa Phawuloosii fi Baarnaabaas Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa bayanee deemanu, Sanbata itti aanu dhufanee marroo waan kanaa akka itti himanuuf namooti isaan kadhatane. 43Kolbaan wolde'a Mana Waaqonfannaa Yihudootaa irraa kaateen duuba, Yihudoota heddu'uu fi worri Yihudoota hin te'in ka gara dhugeeffannaa Yihudootaa deebi'ane, Phawuloosii fi Baarnaabaas hordofane. Phawuloosii fi Baarnaabaas isaan haasessanee, badhaadha Waaqaatiin jabaatanee akka jiraatanu isaan gorsane.

44Sanbata itti aanu worra qachaa sanii keessaa hedduun Jecha Waaqaa dhage'iisaaf wolitti qabamane. 45Worri Yihudootaa heddummaa namootaa yennaa dhagge, hinaaffa'aan guutamanee, waan Phawuloos jedhu moromanee isa arrassane. 46Phawuloosii fi Baarnaabaas ammoo sodaa malee, «Jechi Waaqaa dursee isiniif himamuu qabaayyu; isin ammoo fudhatuu diddanee, jiruu bara baraatitti galiisaaf worra hin malle eega ifiin jettane, nuuti isin lakkinnee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqaarra. 47Goottaan,

«‹Haga qaccee lafaa duudii fayyinna akka fiddu,

Ani worra Yihudoota hin te'iniif ifa si godheera› jedhee

nu ajajeera» jedhane.

48Worri Yihudoota hin te'in tana yennaa dhage'e, gammadee jecha Waaqaalle ulfeesse; worri jiruu bara baraatiif filameeru duudiille dhugeeffate.

49Jechi Gootta'aalle adaala biyya sanii maratti babadhatte. 50Yihudooti ammoo, dubartoota dureeyyii ta dhugeeffannaa Yihudootaa hordottuu fi worra gugurdaa qachaa sanii, Phawuloosii fi Baarnaabaas irratti miidhaa akka kaasanu godhanee, adaala biyya sanii keessaa isaan baasane. 51Phawuloosii fi Baarnaabaas tana isaanitti mormiisaaf bukuu miila isaanii dhodhowatanee, gara qachaa Iqoniiyumii deemane. 52Dhugeeffattooti qachaa Anxokiya'aa gammadaa fi Ayyaana Woyyichaan guutante.