Phawuloos Efesoon Keessatti

1Apholoos Qorontoos keessa adoo jiruu, Phawuloos biyya koobittii olii keessa dabaree, gara Efesoonii dhufe; achitti dhugeeffattoota garii dhaggee, 2«Isin yennaa dhugeeffattane Ayyaana Woyyicha fudhattaneertanii?» jedhee isaan gaafate.

Isaan deebisanee «Hin fudhanne; akka Ayyaanni Woyyichi jiruuyyu nuuti hin dhageenne» jedhane.

3Phawuloos, «Maarre cuuphaa attamii fudhattane ree?» jedhe.

Isaan deebisanee, «Cuuphaa Yohaannisii ti» jedhane. 4Phawuloos, «Cuuphaan Yohaannisii ka cubbuu irraa deebi'iisaa ti; Yohaannisinuu ka isaan duuba dhufu, Yesuusitti akka dhugeeffatanu kolbaa Israa'eliititti himeera» jedhe. 5Isaan yennaa tana dhage'ane, maqaa Goottaa Yesuusiitiin cuuphamane. 6Yennaa Phawuloos harka ifii isaan irra keye, Ayyaanni Woyyichi isaan irra bu'e; isaan afaan haareya hin beekkanneen dubbatanee, raagalle raagane. 7Isaan wolumatti gara nama kudhanii lamaa ti.

8Phawuloos gara Mana Waaqonfannaa Yihudootaa seenee, sodaa malee haga ji'a sadii kolbaa woliin dubbatee, marroo mootummaa Waaqaa isaan hubachiisaa ture. 9Isaan keessaa gariin ammoo mataa jabaatanee, marroo karaa Gootta'aa nama duratti waan hantuu jedhaa, dhugeeffatiisa didane. Maarre Phawuloos isaan lakkisee, dhugeeffattoota qofitti fuudhee, guyyuma guyya'aan mana barumsa Xiraanosii keessatti woliin dudubbataa ture. 10Tun haga woggaa lamaa waan teeteef, kolbaan biyya Asiya'aa keessa jirtu duudiin Yihudootaa fi worri Yihudoota hin te'in Jecha Gootta'aa dhage'ane.