Phawuloos Yerusaalem Geye

17Nuuti Yerusaalem yennaa geenne, dhugeeffattooti gammadaan nu fudhatte. 18Boruyyaa Phawuloos nu woliin gara Yaaqoobii ilaaliisaaf dhaqe; jaarsoleen wolde'a kiristaanaa duudiille achi jirtiiyyu. 19Phawuloos nageya isaan fuudheen duuba, waan Waaqi worra Yihudoota hin te'in oddu'utti karaa isaatiin godhe duudii, tokko tokkoon tarre'etti galchee itti hime. 20Yennaa waan kana dhage'ane, isaan martinuu Waaqa leellifatane. Achiin duuba Phawuloosiin, «Ilaa obboleessa! Yihudooti kuma heddu'utti laakkowamanu akka dhugeeffatanee fi isaan duudiin seera Waaqaatiif hinaattolee akka te'ane hin dhaggita. 21Yihudooti biyya worra Yihudootaa hin te'in keessa le'anu duudiin, ijoollee ifii haqanqabaa akka hin qanne yookiin aadaa akka hin muummessine barsiisiisaan Seera Muuse'ee akka diiganu godhuun keeti isaanitti himameera. 22Isaan akka ati dhutte hin dhage'an; yoona maan godhuu woyya ree? 23Amma waan nuuti sitti hinnu godhi! Nu keessa namooti afur ka woreega qabanu jiran. 24Isaan fuudhii dhaqiitii, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulleessi; mataa ifiille akka haadatanu, gatii isaan ittiin ifi qulleessanu kaffaliif. Akka kanaan wonni si irratti odeeffame duudiin dhara akka teetee fi atille nama Seera Muuse'eetiif ajajamu akka teete hin beekan. 25Worra Yihudoota hin te'in keessaa worri dhugeeffate ammoo, sagalee waaqota dharaatiif dhikaatiisaan battootte, dhiigaa fi horii hudhamee du'e akka hin nyaanne, gaarayyeeffatiisa irralle'ee akka ifi eegattanu, ka jedhu xalayaa murtee teennaa barreessinee isaaniif ergineerra» jedhane.

26Maarre Phawuloos boruyyaa ganama namoota san fuudhee, isaan woliin aadaa dhugeeffanna'aatiin ifi qulqulleesse; achiin duuba guyyaan qulqulloomiisa isaanii yoom akka muummeffamuu fi tokko tokkoo isaaniitiifuu, ciincaan guyyaa kamitti akka dhikaatu beessisiisaaf gara Galma Waaqaa seene.