Durummaan Bu'aa Hin Qaddu

8Biyya tokko keessatti hiyyeessi cunqurfamee, muraan haqaatii fi mirgi isaa dhooggameen yoo dhaggite, waan akkasii san hin baaseffatin; qondaalli tokko qondaala isa ajaju tokkoon ilaallama; isaan lachuu irralle'etti ol aanaa dhibi'ittuu jira.

9Wonni latti baachu ta nama maraa ti; mootichinuu fichaa irraa fayyadama.

10Nami beesee jaalatu ijjumaa beesee hin quufu; nami durummaa jaalatulle ijjumaa bu'aa hin quufu; tunille bu'aa hin qaddu. 11Karri yennaa bacattu, worri nyaatulle hin bacatan. Ka horate ila ifiitiin ilaaliisa malee, maan bu'aa isaaf qaba? 12Hojjataan diqqoo yookiin guddoo nyaatulle hirriiba dansaa rafa; bacinni karra dureessaa ammoo hirriiba isa dhooggiti.

13Wonni hantuun ani biyya lafaa irratti dhagge takka, karra abbaa horate miidhiisaaf tuulantu, 14yookiin karra dedhuma baddu; inni yennaa ilma uumatu, harka ifii duwwaa hafa. 15Nami qullaa ifii gadaamessa haadha ifii keessaa dhalata; akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; waan itti elowe keessaa tokkolle harkatti qabatee hin deemu. 16Tunille waan hantuu akka malee nama gaddisiittu; nami akkuma dhalate san deebi'ee hin deema; wonni itti elowe sun akka waan qilleensi fudhatee eega teete, inni bu'aa maan dhaggata ree? 17Inni bara jiruu ifii mara gadda gudda'aan, dhibe'ee fi aari'iin dukkana keessa le'a.

18Tun hiree isaa waan teeteef, nami bara jiruu ifii diqqoo Waaqi biyya lafaa irratti isaaf kenne tana keessatti nyaataa, unaa, waan itti elowe maratti gammadiis waan dansa'aa fi waan isaaf maltee akka teete hubadhe. 19Waaqi karraa fi qabeenna namaaf kennee, akka nami hiree ifii fudhatee, waan itti elowetti gammadu, tun kennansa Waaqaa ti. 20Waaqi gammada gadha'aa namaaf waan kennuuf, nami marroo bara jiruu ifiitiif hin yaaddowu.

1Ani biyya lafaa irratti waan hantuu dhibii dhagge; isiille namootatti akka malee ulfaatti: 2nami halchaa gadhaa ifii akka hin dhanne, Waaqi karra, qabeennaa fi ulfinna isaaf hin kenna. Ammoo alaga'atti qabeenna isaa nyaata malee, Waaqi akka inni qabeenna ifii nyaatu isa hin goone; tunille bu'aa hin qaddu; akka malee waan hantu'u. 3Nami tokko ijoollee dhibba uumatee, bara bacaa le'uu dande'a; haga le'elle le'u, inni yoo karra ifiititti hin gammadin, ulfinnaan yoo hin awwaalamin, ani, «Isa caalaa finna du'ee dhalate woyya» jedha. 4Finni adoo hin dhalatin du'e sun bu'aa hin qabu; maqaa malee, dukkana keessaa dukkanatti deebi'a. 5Finni sun ijjumaa aduu dhagguu dhabulle yookiin womaa beekuu dhabulle, nama san caalaa foora qaba. 6Namichi sun woggaa kuma lama yoo le'elle ammoo karra ifiitiin hin gammanne. Isaan lamaanuu addee takkaa dhaqanii motii ree?

7Eloon namaa martinuu woma nyaatu dhaggatiisaaf; te'uu malee fedhiin isaa ijjumaa hin guuttu. 8Nami qaroon nama gowwaa maaniin caala ree? Nami hiyyeessille namoota dhibii odduu attam akka le'u beekuun maan bu'aa isaaf qaba ree? 9Halcha'aan joonjuu irra, waan ilti dhaggitu woyya. Halcha'aan joonjuun bu'aa hin qaddu; qilleensa ari'iisa.

10Wonni amma jiru woma duruu maqaan itti moggaafame; nami maan akka te'e duruu beekkameera. Nami ka isa caalaa jabaatu woliin falmatuu hin dande'u. 11Dubbiin bacattu, wonni bu'aa hin qannelle bacatti; isii keessaa nami maan bu'aa dhaggata ree? 12Nami bara jiruu ifii ta bu'aa hin qanne, gabaadduu akka gaaddisaa dabartu tana keessa adoo jiruu, waan isaaf dansaa te'e eentu beeka? Inni du'een duuba biyya lafaa irratti waan te'uuf jiru eentu isatti himuu dande'a?