Ahola'aa Fi Aholiibaa

1Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 2«Ee ilma namaa! Obboleeyyan durraa lamaan ta haadha takkaa irraa dhalatane jiraniiyyu. 3Isaan biyya Gibxi'ii keessatti sagaagaluu jalqabane; isaan dargaggummaa ifiitiin sagaagalane; achitti harmi isaanii qaqqabamee, guntuti isaanii sukkuumame. 4Maqaan angafitti'ii Ahola'a; ka obboleettii isi'ii Aholiiba'a; isaan lamaanuu kiyya te'anee, ijoollee dhiiraatii fi durra naa deyane. Akkuma maqaa isaaniititti Aholaan Samaariya'a; Aholiibaan Yerusaalem.

5«Aholaan adoo tiyya teetee jirtuu sagaagalte; worra isii jaalatanu worra Asoorii loltoota ollaa ifii halchite. 6Isaan worra woyaa dhiillee uffatu, ka biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa ti; isaan martinuu dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu. 7Isiin dhiirota Asoorii worra filameeru san woliin sagaagaliisaaf ifi kennitee, waaqota dharaa ka worra isii woliin sagaagalanuu saniin ifi batteessite. 8Isiin sagaagalummaa biyya Gibxi'iititti jalqadde san hin lakkinne; dhiirti dargaggummaa isi'ii keessa isii woliin rafane sun bantii isi'ii balleessanee, fedhii sagaagalummaa ifii isii irratti dhangalaasaneeran.

9«Tanaaf, ani harka worra isii jaalatuu ka worra Asoorii ka isiin halchituutitti dabarsee isii kenne. 10Isaan woyaa irraa mulqanee qullaa isii hamburane; isaan ijoollee isi'ii ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee shallaaga'aan isii ijjeesane; muraan waan itti muranteef, isiin dubartoota keessaa nama ittiin mammaakanu teete.

11«Obboleettiin isi'ii Aholiibaan tana dhaggiteertiiyyu; garuu halcha'aa fi sagaagalumma'aan isii caalaa battoottee bira dabarte. 12Isiin worra Asoorii bulchitootaa fi ajajjoota woraanaa, loltoota woyaa dadansaa uffatanee fi dargaggoota shashaggoolee abbootii fardo'oo worra fardo'oon gulufu mara halchite. 13Ani akka isiin battootte dhagge; isaan lamaanuu karuma tokko deemane.

14«Isiin sagaagalummaa ifii ittuma dabalte. Isiin fakkii dhiira worra Kaldootaa ta halluu diintu'uun dhaaba manaa irratti kaafamaneeranu dhaggite. 15Fakkiin sun hidha ifiititti hiituu, mataa ifii irratti marata gad rarra'u qabaniiyyu; isaan martinuu ajajjoota worra Baabilonii ka garreettaa fardaan harkifamuun duulanu, worra lafa Kaldootaatitti dhalate fakkaataniiyyu. 16Isiin yennaa isaan dhaggite halchaa sagaagaliisaatiin qabantee, biyya Kaldootaatitti isaanitti nama ergatte. 17Worri Baabilonii taqee isi'ii irratti isii woliin rafanee, sagaagalummaa ifiitiin isii batteessane; isaan isii batteessaneen duuba isaan diqattee irraa garagalte. 18Yennaa isiin sagaagalummaa ifii ittuma ideente, qullaa nafa ifiille badhinnatti mudhifatte, anille akkuma obboleettii isi'ii diqadhee irraa deebi'e, isiille diqadhee irraa deebi'e. 19Isiin yennaa dargaggummaa ifii biyya Gibxi'iititti sagaagalaa ka turte san qaabattee, ammalle sagaagalummaa ifii irra caalaa ittuma edeetee, 20gaarayyoota ifii worra nafi isaanii ka hilaa ka akka harre'ee, sanyiin nafa isaanii ka hilaa keessaa bawu ka fardaa fakkaatu halchite. 21Ati battummaa yennaa dargaggummaa teetii ta yennaa worri Gibxi'ii guntuta keeti qaqqabee san halchite.

22«Tanaaf, ee Aholiiba'a! Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani gaarayyoota teeti worra ati diqattee irraa deebite san si irratti kakkaasee, karaa maraan sitti hin fida. 23Worra Baabilonii, Kaldoota mara, worra Pheqodii, worra Qo'a'aa, worra Sho'a'aa isaan woliin worra Asoorii mara, dargaggoota shashaggoolee, worra biyya bulchanuu fi ajajjoota woraanaa mara, ajajjoota worra garreettaa fardaan harkifamuu, qondaaltota, abbootii fardo'oo worra fardaan gulufanu mara sitti hin fida. 24Isaan garreettaa fardaan harkifamu ka lolaa hedduu, garreettaa fardaan harkifamu ka meyaa heddu'uu fi gosa biyya adda addaa bacaa woliin sitti hin dhufan. Isaan wontee, wontee uffatanu, gullee sibiilaalle naqatanee si hin marsan; anille muraa isaaniitiif dabarsee si hin kenna; isaanille akka seera ifiititti sitti hin muran. 25Isaan mufi'iin akka si adabanuuf, ani hinaaffaa tiyyaan sitti hin erga. Isaan gurra keetii fi funnaan keeti si irraa hin muran; ijoollee teeti ta dhiiraatii fi ta durraa booji'anee fudhatan; worra si keessatti jiru'uun hafe shallaaga'aan ijjeesan; kuun ibiddaan hin dhumatan. 26Isaan woyaa teeti si irraa mulqanee dooqa keeti dadansaa hin fudhatan. 27Ani battummaa teetii fi sagaagalummaa teeti ta ati biyya Gibxi'iititti jalqadde san akka ati lakkittu hin godha; ati haganaa achi gara isaanii deebitee hin ilaaltu; biyya Gibxi'iille deebitee hin qaabattu› jedha.

28«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani harka worra ati jibbitee diqattee irraa deebiteetitti dabarsee si kennee, 29isaan si jibbanee waan ati itti elootte mara si irraa hin fudhatan; akka gaafa dhalatteetitti qullaa si hin hamburan; salphinni sagaagalummaa teetiitii fi battummaan teeti hin mudhatti. 30Waan ati gosa biyya adda addaa woliin sagaagaltee waaqota dharaa ka isaaniitiin ifi batteessiteef tana sitti fide. 31Ati karaa obboleettii teetii ideenteerta; tanaaf ani muduunuu isi'ii ta adabbi'ii si'ille'eef hin kenna› jedha.

32«Goottaan Mootiin Waan Maraa:

« ‹Ati Muduunuu obboleettii teetii badhoo

ta gad boollattu ta bacaa qabattutti hin unta;

nama kollaatii fi nama coora'aa hin teeta.

33Muduunuun obboleettii teeti Samaariya'aa

ta baddi'iitii fi ta diigamaa ti;

ati machi'ii fi gaddaan hin guutanta;

34ati isii keessaa untee hin cingifatta;

muduunuu san hin caccassita;

harma keetille hin babbassita.

Ani Goottaan Mootiin Waan Maraa tana dubbadheera› jedha.

35«Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Ati na deetee dudda keeti duubatti waan na gatteef, gatii battummaa teetiitii fi sagaagalummaa teetii hin fudhatta› jedha» jedhe.

36Ammalle Mootiin Waan Maraa anaan, «Ee ilma namaa! Ahola'aa fi Aholiiba'atti muriisaaf qophoottaa ree? Maarre hujii isaanii diqachiittuu san isaanitti himi. 37Isaan gaarayyeeffataneeran; dhiigille harka isaanii keessa jira; isaan waaqota dharaa ka ifii waaqonfatiisaan gaarayyeeffatane; isaan ijoollee ifii ta anaaf deyaneeyyuu waaqota dharaa ka ifiitiif sagalee akka te'anu ibiddaan ciincaa isaaniif dhikeessane. 38Kana irralle'etti ede'anee, guyyuma san isaan Galma kiyya batteessanee, Sanbata kiyyalle akka diqatamu godhaneeran. 39Isaan yennaa ijoollee ifii waaqota dharaa ka ifiitiif ciincaa dhikeessane san, guyyuma san Galma kiyya seenanee batteessane; kunoo, wonni isaan mana kiyya keessatti hujane kana. 40Kana maleelle isaan biyya fago'ootii dhiirti akka isaaniif dhuttuuyyuu ergantoota itti ergataneeraniiyyu; kunoo, dhiirti sunille dhutte. Dubartooti obboleeyyan sun isaaniif jedhanee nafa dhiqatanee, kuulii ila dibatanee, dooqa naqatane. 41Isaan beeraa dansaa irra tetee'anee, beeraa san dura xarapheessaa dhaabanee hixaana kiyyaa fi zayitii ejersaa tiyya irra keyane. 42Hogaan gumii worra caaquu adaala isaanii jiraayyu; worri machowaan goomole'ee dhufelle isaan woliin jiraniiyyu; worri machowaan sun harka dubartootaatitti irmuura, mataa isaaniille'etti kallacha keyane. 43Achiin duuba ani marroo dubartii gaarayyeeffatiisaan haalatte sanii, ‹Amma isaan isii woliin sagaagalanee, isiille isaan woliin sagaagalte› jedhe. 44Akkuma dhiirti sagaagaltittii woliin rafanu, isaanille isii woliin rafane; akkasuma isaan dubartoota yabaabultoota Ahola'aa fi Aholiibaa woliin rafane. 45Isaan gaarayyeeffattoota waan te'aneef, dhiigille harka isaanii irra waan jiruuf, namooti balchooleen muraa ittiin dubartoota sagaagaltootaa fi worra dhiigi harka isaanii irra jirutti muranu isaanille'etti hin muran» jedhe.

46Tanaaf, Goottaan Mootiin Waan Maraa, «Gumii bindillaa kakkaasii isaanitti fidi! Akka isaan bararaqanuu fi saamamanu godhi. 47Gumiin bindillaan sun dhaka'aan isaan hin tuman; shallaagaalle'een isaan hin ijjeesan; ijoollee isaanii ta dhiiraatii fi ta durraalle hin ijjeesan; mana isaaniille ibiddaan hin guban. 48Ani akka kanaan dubartooti marti sagaagalummaa isin hujjane akka hin tolchine ifi eeggachiisiisaan, sagaagalummaa biyya keessaa hin balleessa. 49Isin gatii sagaagalummaa keessanii hin fudhattan; waaqota dharaa keessan waaqonfatiisaan cubbuu waan hujjaneef, hin adabantan. Yennaa san akka ani Goottaa Mootii Waan Maraa te'e hin beettan» jedhe.