Raaga Qachaa Sidoonii Irratti Dubbatame
20Jechi Mootii Waan Maraa gara kiyya dhufee, 21«Ee ilma namaa! Ati fuula keeti gara qachaa Sidoonii deebifadhuutii raaga itti raagii, 22kolbaa qachaa saniitiin, Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Kunoo, ani isin irratti ka'eera; ee qachaa Sidoonii ani si keessatti hin ulfaadha. Yennaa ani sitti muree woyyummaa tiyya si keessatti mudhise, akka ani Mootii Waan Maraa te'e isin hin beettan. 23Ani balaa isinitti hin erga; karaa keessan irratti dhiigi akka dhangala'u hin godha; karaa maraan shallaagaa isin irratti ka'uun wodhakkaa teessanitti namooti hin qalaman; achiin duuba isin akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beettan.


