Waaqi Israa'el Hin Eebbisa
24« ‹Haganaa achi ollaan tuffatee akka qumi'uudu'uu yookiin akka qore'ee ka kolbaa Israa'elii miidhu hin jiraatu. Isaan akka ani Mootii Waan Maraa te'e hin beekan› jedha.
25«Goottaan Mootiin Waan Maraa, ‹Yennaa ani kolbaa Israa'elii gosa biyya adda addaa ta isaan keessa bittinnowane keessaa isaan wolitti qabee, gosa biyya adda addaa duratti yennaa ani woyyummaa tiyya isaanitti mudhisu, isaan lafa ifii ta ani garbicha kiyya Yaaqoobiif kenne keessa hin le'an 26Isaan achi keessa nageyaan hin le'an; mana hin ijaaratan; woyniille hin dhaabbatan. Yennaa ani gosa biyya adda addaa ta ollaa isaanii worra isaan tuffatu mara adabu, Israa'elooti nageyaan hin le'an. Achiin duuba isaan akka ani Mootii Waan Maraa Waaqa isaanii te'e hin beekan› jedha» jedhe.


