Awwaalamiisa Googii

11« ‹Bara san dhooqa worra karaa deemuu ta abbaayaa irraa karaa aduun baatu jirtu san awwaala Googiitiif hin kenna; Googii fi loltooti isaa martinuu achitti waan awwaalamanuuf, worra karaa ideemutti karaan hin cufama; dhooqi sun: Dhooqa Hamoon-Googii hin jedhanti. 12Kolbaan Israa'elii lafa qulqulleessiisaaf ji'a torba isaan hin awwaalan. 13Kolbaan lafa sanii marti isaan hin awwaalan; guyyaan ani ulfinna kiyya mudhisu sun isaaniif gurra hin te'a jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa. 14Isaan namoota lafa qulqulleessiisaaf, yennaa mara lafa keessa deddeemanee worra lafa irratti du'ee hafeeru awwaalu hin filatan. Isaan dhuma ji'a torbaatitti reeffa hafeeru barbaadan. 15Isaan yennaa lafa keessa deddeemanu lafee namaa yennaa lafatti dhaggane, haga worri awwaalu dhufee dhooqa Hamoon-Googii keessatti awwaalutti beessisa itti hin godhan. 16Isaan akka kanaan lafa hin qulqulleessan; maqaan qachaa addee san jiruulle: Hamoonaa hin jedhama jedha› jedhi.

17«Ati ee ilma namaa! Mootiin Waan Maraa, ‹Allaatota adda addaatii fi bineensota maratti dubbadhuutii: Addee maraa wolitti qabama'aatii, gara jila ciinca'aa ta ani isinii qopheessee, gara jila guddoo gaarota Israa'elii irraa kowa'aatii foon nyaadha'a; dhiigalle una'a. 18Akka foonii fi dhiiga korbeeyyii hoole'eetii fi buruusoo hoole'ee, korbeeyyii re'e'eetii fi korommi'ii ka akka horii cocooma Baashaanii, isin foon worra jajjabaa nyaatanee dhiiga qondaaltota gosa biyya adda addaa hin untan. 19Jila ciinca'aa ta ani isiniif qopheessu sanitti haga quuttanutti cooma hin nyaattan; haga machoottanutti dhiiga hin untan. 20Isin qorii tiyyatti fardoolle'ee fi abbootii fardoole'ee, loltoota jajjabaa fi loltoota mara nyaattanee hin quuttan jedhi› jedha Goottaan Mootiin Waan Maraa.