Badhinna Dalleya Keessaa Ka Keessaa

28Achiin duuba karaa karra kibbaatiin gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa na geessee, inni yennaa karra kibbaa san mike, isiin karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 29Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 30Sorooti adaala san maratti naannowaneeranu, dheerinni isaanii ciqilee diddamii shan, badhinni isaanii ciqilee shan. 31Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galteerti; utuboota isi'ii irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.

32Achiin duuba inni gara badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa ka karaa aduun baatuu na geessee, karra san mike. Isiille karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 33Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 34Soroon isi'ii gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaa fuula galtee, utuboota isi'ii ka gara lamaanittuu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.

35Achiin duuba inni gara karra karaa kaabaa na geesse. Yennaa inni isii mike karra dhibi'iin woluma qixxee teete. 36Kolloon eeddotaa ta isi'ii, utubooti isi'iitii fi soroon isi'ii ta karra dhibi'iitiin woluma qixxe'e; isi'ii fi soroon isi'ii naannoo ifii mara irratti foddaa qaban. Dheerinni isi'ii ciqilee shantama, badhinni isi'ii ciqilee diddamii shan. 37Soroon seensumaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti fuula galteerti. Utuboota gara lamaaniituu irra fakkii muka meexxi'iititti jira; karaan ittiin ol yaabanu yaabbannoo saddeeti qaba.