Kolloota Hayyootaa
1Achiin duuba inni karaa kaabaatiin gad na baasee gara badhinna dalleyaa keessaa ka gara alaatitti na fidee, gara kolloota fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi fuullee ijaarsa gara kaabaa sanitti na geesse. 2Dheerinni ijaarsaa ka balbalti isaa karaa kaabaa fuula galteertuu sun ciqilee dhibba, badhinni isaa ciqilee shantama. 3Badhinna dalleya keessaa ka gara keessaa irraa ciqilee diddama irratti, fuullee afinaa dhaka'aa ka badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti kollooti addee bashannanaa heellichoo gubba'aa qaddu fuula wolitti galanee wol irratti sufaa sadiin ijaaramaneeran. 4Kolloota san dura karaan gara keessaa dabarsu ka badhinni isaa ciqilee kudhan, dheerinni isaa ciqilee dhibba tokkootitti jira. Balbalti kolloota sanii karaa kaabaatiin jiran. 5Akkuma kollooti wol irratti sufamaa ol ideemanuun, addeen bashannanaa ta heellichoo gubba'aa badhataa waan ideentuuf, kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. 6Kollooti sufaa sadiin wol irratti waan ijaaramaneeranuuf, akka badhinna dalleya keessaa utuboota hin qabanu; tanaaf kollooti ol aananu kolloota gad aananuu fi kolloota wodhakka'aa caalaa dhiphatan. 7Karaa badhinna dalleya keessaa gara alaatiin fuullee kollootaa dalleenni dhaka'aa ka ciqilee shantama dheeratu tokko jira. 8Kollooti badhinna dalleya keessaa ka gara alaa ciqilee shantama dheeratan; tarreen kolloota fuullee Galma Waaqaa jiranu ciqilee dhibba dheeratti. 9Badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin yennaa ol seenanu, karaa aduun baatuun, gara kolloota gad aananu seensuma tokkotti jira. 10Karaa kibbaatiin badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti, badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti aananee, fuullee badhinna dalleya keessaa ka gara alaatiin kollooti jiran. 11Kolloota san dura karaan dabaranu jira; kollooti sun dheerinnii fi badhinni isaanii, karaan gad bayanu, akki isaan itti ijaaramaneeranu, balbalti isaaniille kolloota karaa kaabaa woliin wol fakkaatan. 12Balbalti kolloota karaa kibbaalle wol qixa; jalqaba karaa dabaranuu san seensumatti jira; maarre nami dhuma dalleyaatiin karaa aduun baatuun seena. 13Achiin duuba inni anaan, «Kollooti kaabaatii fi kibbaa worri fuullee badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa jiranu sun woyyoota. Achitti hayyooti fuula Mootii Waan Maraa dura dhikaattu kennansa woyyicha nyaatti. Addeen sun woyyittii waan teeteef, kennansa irraa caalaa woyyuu te'e: kennansa midhaanii, kennansa sababa cubbu'uutiif dhikaatu, kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatulle achi keyan. 14Hayyooti gara addee woyyitti'ii san seenaneen duuba uffanni achi keessa ittiin tajaajilanu woyyuu waan te'eef, uffana san adoo ifi irraa baafatanee lafa hin keyin, achi keessaa gara badhinna dalleya keessaa ka gara alaatitti gad hin bayanu. Isaan gara addee kolbaa taaniititti adoo gad hin bayin woyaa dhibii uffatuu qaban» jedhe.


