Lafa Qondaaltichaa

7« ‹Qondaaltichi bulchaan biyyaa addee woyyittii sanii fi qachaa san karaa aduun seentuu fi karaa aduun baatuun, lafa haga meessaa biyyaa dheerattu qabaachuu qaba; latti sun haguma lafa gosa tokkoof kennantuu dheerattuu ti. 8Latti tun lafa Israa'elii keessatti qondaalaaf hin teeti; haganaa achi qondaaltoti tiyya kolbaa tiyya hin cunqursanu; kolbaan Israa'elii ammoo akkuma gosa gosa ifiititti lafa qabaatanuu ti.

9« ‹Goottaan Mootiin Waan Maraa: Ee, qondaaltota Israa'elii! Isin geettuu ti; hunnaan namatti ka'iisaa fi nama cunqursiisa lakkisa'a; haqaa fi balchummaa huja'a; kolbaa tiyya lafa isaanii irraa ari'iisa lakkisa'a; tana ana Goottaa Mootii Waan Maraatitti dubbate. 10Isin waan ittiin safartanu ka «Eefaa» jedhamuu fi ka «Baatihii» jedhamu ka sirrii te'ane qabaadha'a. 11Eefa'aa fi baatihiin sun wol qixxee te'anuu ti; isaan lamaanuu yennaa mara madaallii «Homer» jedhamu harka kudhan keessaa harka tokko qabatan. Homer madaallii wolii galaa te'uu ti. 12Isin biratti madaalliin keessan ka «Sheeqelii» jedhamu tokko madaallii «Geraa» jedhamu diddama; sheeqelii diddama irratti sheeqelii diddamii shanii fi sheeqeliin kudhanii shan yennaa ede'ame madaallii «Miinaa» jedhamu tokko hin te'a.