Loox Sodoomii Baye

12Achiin duuba worri keessummootaa sun Looxiin, «Qachaa kana keessaa ilmaanii fi ijoollee durraa, worra durra teeti kadhateeru yookiin fira dhibii yoo qabaatte as keessaa baasi. 13Nuuti addee tana balleessaarra; iyyati worra addee tanaa irratti gara Mootii Waan Maraa dhikaate guddaa waan te'eef, Mootiin Waan Maraa qachaa kana akka balleessinuuf nu ergeera» jedhane.

14Achiin duuba Loox gara worra durra isaa kadhateeruu dhaqee, «Ariifadha'a, addee tana keessaa baya'a; Mootiin Waan Maraa addee tana waan balleessaaruuf qachaa kana keessaa baya'a» jedheen. Worri durra isaa kadhateeru ammoo waan taphatu itti fakkaatte.

15Boruyyaa barii ganama ergantooti Waaqaa sun Looxiin, «Ariifadhuu, qachaan kun yennaa badu woliin akka hin banneef, niitii teeti, ijoollee teeti ta durraa lamaan fudhadhuutii addee tanaa bayi» jedhanee Loox ariifachiisane.

16Loox ammoo mame; te'ulle Mootiin Waan Maraa waan isa marareef, namooti lamaan sun isa, niitii isaa, ijoollee isaa ta durraa lamaan harka qabanee qachaa keessaa akka baasanu godhe. 17Qachaa keessaa isaan baasaneen duuba, ergamaa Waaqaa keessaa tokkochi, «Jiruu teessan hamburatiisaaf baqadha'a; ifiin duuba hin ilaalina'a! Dhooqa keessatti eessalle'etti hin dhaabbatina'a! Akka hin duuneef gara gaaraa baqadha'a!» jedhe.

18Loox ammoo deebisee, «Waawwo'o, Goottota tiyya; 19ani tajaajilaan keessan isin duratti fudhatama dhaggadheera; jiruu tiyyalle fayyisiisaaf arjummaa guddoo naaf gootaneertan. Ani ammoo gara gaaraa baqadhee jalaa bayuu waan hin dandeenneef, badiin tun kara'atti na dhaqqaddee, ani hin du'a. 20Kunoo, qachaan sun itti baqatiisaaf dhikoo jira, qachaa diqqaalle'e. Akkuma isin dhaggitanu qachaa diqqa'aa motii ree? Ani achitti baqadhee jiruun tiyya akka fayyitu naaf godhi» jedheen.

21Ergamaan Waaqaa deebisee, «Tole, akkuma ati jette teetu; qachaa jette sanille hin balleessu. 22Haga ati achi geettutti, ani womaa godhee waan hin dandeenneef, ariifadhuu, achi baqadhu» jedheen.

Qachaan sun diqqaa waan te'eef, maqaan isaa, «Zo'aar» jedhame.