Badii Sodoomii Fi Gomora'aa

23Yennaa Loox Zo'aar gewu, aduun bayiisatti jirtiiyyu. 24Achiin duuba Mootiin Waan Maraa dhakaa bobe'uu fi ibidda qachoota Sodoomii fi Gomora'aa irratti ol-gubbaa irraa akka gad roobu godhe. 25Inni qachoota san, dhooqa san mara, namoota qachaa san keessaa maraa fi waan lafa san irratti lateeru mara balleesse. 26Niitiin Looxii ammoo, gara duubaa ilaaltee, soodduu sooddaa teete.

27Abrahaam boruyyaa barii ganama ka'ee, addee dur Mootii Waan Maraa dura dhaabbate dhaqe. 28Inni gara qachaa Sodoomiitii fi Gomora'aa, gara dhooqa Yordaanosii duudii gad ilaalee, aarri akka aara barbada ibiddaa ol ka'uun dhagge.

29Waaqi ammoo yennaa qachoota dhooqa Yordaanosii addee Loox le'aa ture balleesse, Abrahaam yaadatee, Loox badii hantuu san jalaa fayyise.