Esaawu Eebba Yisihaq Kadhate

30Yisihaq akkuma Yaaqoob eebbisee ka'een, Yaaqoob fuula abbaa ifii duraa gad bayeeruun, obboleessi isaa Esaawuun adamo'oo dhufee seene. 31Innille dhandhama qopheessee gara abbaa ifii fidee, «Abba'a, ol jedhii tee'i; akka na eebbittuuf, foon ani adansee fide nyaadhu» jedhe.

32Abbaan isaa Yisihaq, «Ati eennu?» jedhee gaafate.

Inni deebisee, «Ani ilma keeti angaficha, Esaawu'u» jedheen.

33Yisihaq guddoo nayee hollatee, «Ka bineensa adansee naa fide, inni eennu ree? Dhufa teetiin dura ani nyaadhee isa eebbiseera; ee, inni ka eebbifame hin te'a!» jedhe.

34Esaawu yennaa tana dhage'e, qoonqoo guddo'oon iyyee laaleffatee bowee, abbaa ifiitiin, «Abba'a, analle eebbisi» jedhe.

35Yisihaq ammoo, «Obboleessi keeti sobaan dhufee, eebba keeti fudhateera» jedhe.

36Esaawu, «Ana sobiisi isaa kun yennaa lammeesso'oo ti. Yaaqoob jedhamuun isaa sirri'i; tanaan dura angafummaa tiyya na irraa fudhatee, ammalle eebba kiyya na irraa fudhate» jedhe. Achiin duuba, «Ati eebba tokkolle naaf hin hamburree?» jedhee abbaa ifii gaafate.

37Yisihaq deebisee Esaawu'uun, «Ani si'i irratti Yaaqoob goottonseera; obboleeyyan isaa mara tajaajiltoota isaa godheera. Midhaanii fi woynii bacaa isaaf kenneera. Ilma kiyya, maan si'iif godhuu dande'a ree?» jedhe.

38Esaawu abbaa ifiitiin, «Abba'a, ati eebba tokko qofa qaddaa? Abba'a, analle eebbisi» jedhee, qoonqoo ol qabatee bowe.

39Abbaan isaa Yisihaq deebisee, isaan,

«Ati lafa laayyoo irraa,

karfaffuu irraa fagaattee leeta.

40Shallaagaa keetiin leeta;

obboleessa keeti tajaajilta.

Yennaa didde ammoo,

waanjoo isaa morma keeti irraa hin buufatta» jedhe.

41Abbaan isaa waan isa eebbiseef, Esaawuun Yaaqoob jibbe. Inni gadhaa ifiititti, «Yennaan abbaan kiyya du'u dhikaatteerti; achiin duuba ani obboleessa kiyya Yaaqoob hin ijjeesa» jedhe.

42Ribqaan ammoo marroo yaada Esaawu'uu yennaa dhageette, Yaaqoobitti ergitee, «Dhage'i, obboleessi keeti Esaawu si ijjeesee, haluu bayiisaaf yaadateera. 43Tanaaf amma, ilma kiyya, waan ani siin jedhu godhi. Ka'iitii gara obboleessa kiyya Laabaanii ka Kaaraan keessa jiruu baqadhu. 44Haga obboleessi keeti aarii caffatu yenna'aaf isa woliin turi. 45Obboleessi keeti yennaa aarii caffate, waan ati isa goote hin dedha. Achiin duuba ani nama sitti ergee achii si deebisa. Ani maaf isin lamaanuu guyyaa tokkotti dhabaa?» jetteen.