Esaawu Niitii Dhibii Fuudhe

6Yisihaq akka Yaaqoob eebbisee, niitii akka achii fuudhu, gara biyya phaadaan-Aaramii akka erge Esaawu hubate; Yisihaq yennaa Yaaqoob eebbise, «Dubartii worra Kana'aanii hin fuudhin» jedhee akka isa ajajelle hubate. 7Yaaqoob abba'aa fi haadha ifiitiif ajajamee, gara biyya phaadaan-Aaramii akka dhaqeerulle hubate. 8Maarre abbaan isaa Yisihaq dubartoota worra kana'aanii akka hin jaalanne Esaawu yennaa dhagge, 9maarre inni gara Ishimaa'elii ilma Abrahaamii dhaqee, intala isaa Mahilaati, obboleettii Nabaayootii, dubartoota dur fuudheeru irratti ede'ee fuudhe.