Nama Wol Caalchisuu Irraa Ifi Eeggachiise
1Obboleeyyan tiyya! Goottaa ulfinnaa keenna Yesuus Kiristoositti dhugeeffannaa eega qabaattane, nama wol hin caalchisina'a. 2Nami dureessi tokko qubee worqi'ii keyatee, woyaa dansaalle uffatee gara wolitti qabama keessanii yoo dhufe, namichi hiyyeessi woyaa ciccittu'uulle yoo ol seene, 3isin namicha woyaa dansaa uffate san ulfeessiisaan, «Ati addee dansaa tana tee'i» jettanee, namicha hiyyeessa saniin ammoo, «Ati achi dhaabbadhu yookiin as miila kiyya jala tee'i» yoo jettane, 4odduu teessanitti nama wol caalchittanee, worra yaada hama'aan muru te'uu keessanii motii ree?
5Obboleeyyan tiyya ta jaalatantane, dhage'aa! Waaqi akka isaan dhugeeffanna'aan dureeyyii te'anuu fi mootummaa inni worra isa jaalatanuuf waadaa gale san akka dhaalanuuf, worra biyya lafaatitti hiyyeeyyii te'ane filateeraa motii? 6Isin ammoo worra hiyyeeyyii ulfinna dhooggitane; worri isin hacuucu, worri gara kora mura'aa isin harkisu dureeyyi'ii motii? 7Maqaa dansaa isin ittiin waamantanu ka faanshessu isaanii motii?
8Seera mootummaa Waaqaa akka Barreeffam Woyyichi, «Ollaa keeti akka ifi jaalattutti jaaladhu» jedhutti, yoo muummessitane dansaa gootane. 9Nama yoo wol caalchittane ammoo cubbuu hujjan; akka yakkaamessa tokkootitti seerri isinitti mura. 10Nami tokko seera kaan mara eegatee, tokkocha yoo balleesse, akka waan maraayyuu balleesseetitti yakki itti hin murama. 11Ka, «Hin gaarayyeeffatin» jedhettuu, «Hin ijjeesin» waan jedheef, ati yoo gaarayyeeffatuu dhaddelle, eega ijjeette yakkaamessa teeteerta. 12Akka worra seera bilisummaa kennu duratti dhikaatee muraa dhaggatuu dubbadha'a, hujadhaalle'e. 13Nama marartii hin qannetti, marartii malee itti hin muranti; marartiin muraa hin injifatti.


