Yesuus Jila Gose'ee Irratti Dhaggame

10Obboleeyyan isaa gara jilaa deemaneeranuun duuba, Yesuusille mudhi'iin adoo hin te'in dhokaataan dhaqe. 11Jila irratti Yihudooti baallii qabanu isa barbaadanee, «Inni eessa jira?» jedhanee gaafatane.

12Gumii keessatti marroo isaa guddoo hasaasane. Worri gariin, «Inni nama dansa'a» jedhe. Worri dhibiin, «Waawwo'o, inni kolbaa dokonkorsiisatti jira» jedhe. 13Ammoo Yihudoota baallii qabanu waan sodaataneef, eennulle marroo isaa mudhi'iin hin dubbanne.

14Jilti wodhakkaa geetteertuun, Yesuus gara Galma Waaqaa dhaqee barsiisuu jalqabe. 15Yihudooti baallii qabanu guddoo maalalanee, «Namichi kun adoo hin baratin attam akka malee wo beeka?» jedhane. 16Yesuus deebisee, «Wonni ani barsiisu ka na erge biraa dhutte malee, barsiisa kiyyaa moti. 17Nami fedhii Waaqaa godhiisa barbaadu marti, wonni ani barsiisu Waaqa irraa akka dhutte yookiin anummaan ifi keessaa fuudhee akka dubbadhu hin beeka. 18Nami ifi keessaa fuudhee dubbatu, ulfinna ifii waan barbaaduuf tana godha. Nami ulfinna ka isa ergeetiif huju ammoo dhugaamessa; dharti takkaalle isa keessa hin jirtu. 19Muuseen seera isinii kenneeraa motii? Isin keessaa tokkolle ammoo ka seera eegu hin jiru. Isin maaf na ijjeesiisaaf barbaaddan?» jedhe. 20Gumiin deebittee, «Ati durriisa ifi keessaa qadda! Eentu si ijjeesiisaaf barbaadiisatti jira?» jetteen. 21Yesuus, «Ani baasa tokko hujee jennaan, isin maraayyuu maalalfattane. 22Muuseen akka isin ilmaan teessan haqanqabaa qaddanu isin ajaje; haqanqabaa kana ka jalqabe Muusee adoo hin te'in abbootii teessan teetulle, isin Sanbatalle'een ilma haqanqabaa qaddan. 23Seerri Muuse'ee akka hin banneef, guyyaa Sanbataatiin ilma tokko haqanqabaa yoo ka qabanu te'e, maaf guyyaa Sanbataatiin ani nama tokko guutuma guutu'utti waan fayyiseef natti aartan? 24Muraa dhuga'aa mura'a malee, fuula ilaaltanee muruu lakkisa'a» jedhe.