Yesuus Masiihii?
25Kolbaan Yerusaalemii gariin, «Namichi kun ka isaan ijjeesiisaaf barbaadanuu motii? 26Ilaala'a! Inni badhinumatti dubbatiisatti jira; isaan isa mormanee womaa hin jenne! Worri baallii qabu akka inni Masiihii te'e dhugumaan beekanee jiraatanuu? 27Yennaa Masiihiin dhufu, inni eessaa akka dhufu eennulle hin beeku. Namichi kun ammoo eessaa akka dhufe hin beenna» jedhane. 28Yesuus adoo Galma Waaqaa keessatti barsiisuu qoonqoo ol qabatee, «Isin ana hin beettan; eessaa akka dhufelle hin beettan. Ani baalluma tiyyaan hin dhunne. Te'uu malee, ka na erge dhugaamessa. Isin isa hin beettanu; 29ani ammoo isa biraa waan dhufee fi inni waan na ergeef isa hin beeka» jedhe. 30Achiin duuba isaan isa qabiisaaf barbaadane; ammoo yennaan isaa waan hin geyiniif eennulle harkaan isa hin tundhe.
31Gumii san keessaa hedduun isatti dhugeeffatanee, «Masiihiin yennaa dhufu, bilbaasa namichi kun godhe caalaa inni bilbaasa hin godhaa laati?» jedhane.


