Kolbaan Gargar Qoodante

40Gumii san keessaa namooti gariin jecha isaa kana dhage'anee, «Namichi kun dhugumaan raagicha» jedhane.

41Worri dhibiin, «Inni Masiihii» jedhane. Worri dhibiin ammoo, «Masiihiin Galiilaa irraa hin dhufaa? 42Barreeffam Woyyichi, Masiihiin sanyii mooticha Daawitii keessaa, qachaa Daawiti le'e, Beeteelem keessatti dhalata jedhaa motii?» jedhane. 43Maarre sababa Yesuusiitiif gumiin gargar qoodante. 44Worri gariin isa qabiisaaf barbaade, ammoo eennulle isa harkaan hin tundhe.