Yesuus Tuffatame
22Yennaa san jilti eebba Galma Waaqaa ka haareffamee Yerusaalem keessatti jilifamiisatti jirtiiyyu; yennaan sun ganna. 23Yesuus dalleya Galma Waaqaa keessatti sissaabii Solomoon jala deddeebi'u keessa ideemiisatti jiruun, 24Yihudooti isa marsitee, «Ati haga yoomii gadhaa keenna rarraacha? Ifatti baasii nutti himi: Ati Masiihii?» jedhanee gaafatane.
25Yesuus deebisee, «Ani duruu isinitti himeera, isin ammoo ana hin dhugeeffattanu. Hujiin ani maqaa Abbaa kiyyaatiin huju naaf dhugaa baati; 26isin ammoo hoolee tiyya waan hin te'iniif, hin dhugeeffattanu. 27Hooloti tiyya qoonqoo tiyya dhageetti; ani isaan beeka, isaanille na hordofan. 28Ani jiruu bara baraa isaaniif kenna, isaanille ijjumaa hin badanu, eennuulle harka kiyya keessaa isaan butuu hin dande'u. 29Abbaan kiyya, ka isaan naaf kenne waan mara caala, eennulle dande'ee harka Abba'aatii isaan hin butu. 30Abba'aa fi Ani tokko» isaaniin jedhe.
31Achiin duuba Yihudooti dhaka'aan isa tumiisaaf ammalle dhakaa fudhatte. 32Yesuus deebisee, «Ani hujii dansaa hedduu Abbaan natti kenne hujee isinitti mudhiseera; isaan kana keessaa kamiif dhaka'aan na tumiisaaf barbaaddan?» jedhe.
33Yihudooti deebisanee, «Wonni nuuti dhaka'aan si tumiisaaf barbaannuuf, waan ati Waaqa faanshessiteef malee, hujii dansaa keessaa takkaalle'eefii moti, ati adoo namuma teeteertuu Waaqa ifi goota» jedhaneen. 34Yesuus deebisee, «Seera keessan keessatti Waaqi isiniin ‹Isin waaqota› ka jedhe barreeffanteertii motii? 35Worra jechi Waaqaa isaaniif dhufeen, ‹Isin waaqota› yoo jedhe, Barreeffam Woyyichi ka hin diiganne yoo te'e, 36‹Ani Ilma Waaqaa ti› waan jedheef, ana ka Abbaan na filatee gara biyya lafaa na ergeen, isin ‹Waaqa faanshessita› attam jettan ree? 37Yoo ani hujii Abbaa kiyyaa hin hunye te'e, natti hin dhugeeffatina'a. 38Yoo ani huju te'e ammoo, natti dhugeeffatuu dhaddanulle, Abbaan na keessa, Anille Abbaa keessa akka jiru akka beettanuu fi akka hubattanu, hujii tiyyatti dhugeeffadha'a» isaaniin jedhe.
39Isaan ammalle isa qabiisaaf barbaadane; inni ammoo isaan harkaa miliqe.
40Achiin duuba Yesuus ammalle Yordaanosiin gama addee Yohaannis duraan itti cuuphaa ture deebi'ee dhaqee, achi bubbule. 41Namooti hedduun gara isaa dhufane. Isaan, «Yohaannis bilbaasa tokkolle hin goone, ammoo marroo namicha kanaa wonni inni dubbate marti dhuga'a» jedhane. 42Namooti hedduun achi jiranu Yesuusitti dhugeeffatane.


