Jibbansa Biyya Lafaa

18«Biyyi lafaa yoo isin jibbite, isiniin duraa akka na jibbiteertu beeka'a. 19Isin ka biyya lafaa adoo teetanee, biyyi lafaa ka isi'ii ka te'e silaa hin jaalattiiyyu. Isin ka biyya lafaa waan hin te'inii fi waan ani biyya lafaa tana keessaa isin filadheef biyyi lafaa isin jibbiti. 20Jecha ani, ‹Garbichi goottaa ifii hin caalu› jedhee isinitti hime qaabadha'a. Na miidhanee yoo jiraatane, isinille hin miidhan; Jecha kiyyaaf ajajamanee yoo jiraatane, jecha keessanille'eef hin ajajaman. 21Isaan ka na erge waan hin beenneef, isinille kiyya waan teetaneef, kana mara isin irratti godhan. 22Adoo ani dhufee isaanitti hin dubbatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu. Amma ammoo cubbuu ifiitiif sababa dhikeeffatanu hin qabanu. 23Nami na jibbu Abbaa kiyyalle hin jibba. 24Adoo hujii nami dhibiin ijjumaa hujee hin beenne odduu isaaniititti hin hujatin te'ee, silaa cubbuu isaanitti hin teetuuyyu; amma ammoo isaan waan ani huje adoo dhagganeeranuu, anaa fi Abbaa kiyyalle jibbane. 25Kunille, ‹Sababuma malee na jibbane› jedhamee jechi Seera isaanii keessatti barreeffame akka muummowuuf te'e.

26«Ani Ayyaana dhuga'aa Jajjabeessaa, ka Abbaa biraa dhufu, isiniif hin erga. Inni naaf dhugaa hin baya. 27Isinille jalqabaa jalqaddanee na woliin waan jirtanuuf, dhugaa hin baatan» jedhe.

1Yesuus, «Dhugeeffannaa teessan irraa akka isin hin gufanneef, ani tana maraa isinitti hime. 2Mana Waaqonfannaa Yihudootaa keessaa isin baasan; nami isin ijjeesu tokko, waan Waaqaaf tajaajilu yennaan itti fakkaattu hin dhutti. 3Isaan waan Abbaa yookiin na hin beenneef waan kana mara isin irratti godhan. 4Waan kana godhiisaaf yennaan isaanii yoo geette, waan ani isinitti hime akka qaabattanuuf tana isinitti hime.

«Ani isin woliin waan jiruuf, jalqaba irratti dubbii tana isinitti hin hinne» jedhe.