Kennansa Sababa Yakka'aatiif Dhikaatu

1« ‹Seerri irra caalaa woyyicha te'e keessaa tokko ka te'e, ka kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu asii gad jira: 2Adduma kennansi gubamu itti qalamutti kennansi sababa yakka'aatiif dhikaatulle qalamuu ti; dhiigi isaalle cinaa addee ciinca'aa maratti fiffixamuu ti. 3Coomi duma isaatii fi moorri meya gadha'aa gollu, 4kalattiin lamaanuu, moora isii irra jiru ka cinaa dirraa woliin, qaccee tiru'uu kalattii woliin kennansaaf dhikaatanuu ti. 5Kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatanu waan te'aneef, hayyichi akka kennansa ibiddaan gubamee Mootii Waan Maraatiif dhikaatuu addee ciinca'aa irratti gubuu ti. 6Maatii hayyichaa keessaa dhiirti martinuu nyaattuu ti; kennansi kun ka irra caalaa woyyuu te'e keessaa tokko waan te'eef, addee woyyitti'itti nyaatamuu ti.

7« ‹Kennansi araara cubbu'uutiif dhikaatu akkuma kennansa sababa yakka'aatiif dhikaatuu waan te'eef, seerri isaanii tokkuma; foon kennansaaf dhikaate sun hayyicha gumaa tolchuuf te'uu ti. 8Hayyichi horii nami kennansa gubamuuf fide san gubu, gogaa horii kennansa gubamuuf dhikaatee san ifiif fudhatuu ti. 9Kennansi midhaanii ka barbada ibiddaa irratti woddame yookiin ka okkote'etti iffeelame yookiin ka eelee sibiilaatitti akowame sun hayyicha kennansa dhikeesse saniif kennamuu ti. 10Kennansi midhaanii ka zayiti'iin sukkuumame yookiin ka zayitii hin qanne marti ilmaan Aaronii maraaf wol qixa qoodamuu ti.