Waaqaaf Addatamuu Dhaba Kolbaa Yihuda'aa
10Marti keenna abbaa tokkocha qannaa motii? Waaqa tokkochattuu nu maraayyuu dadee motii? Maaniif nuuti wolii wolii keennaaf addatamuu dhannee, wol irratti ka'iisaan gondooroo Mootiin Waan Maraa abbootii teenna woliin godhe maaf diinna ree? 11Kolbaan Yihudaan hin addatanne; Israa'elii fi Yerusaalem keessatti waan Waaqi jibbu hujane; isaan dubartoota waaqota dharaa waaqonfattu fuudhanee addee Galma Waaqaa san batteessan. 12Eennulle nama waan akkasii huju kanaaf yoo falmate, yookiin akka inni fudhatama dhaggatu yoo dubbate, yookiin isaaf Mootii Waan Maraa Ka bara baraa ka dada mara ajajuuf kennansa yoo dhikeesse, Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade nama san sanyii Yaaqoobii keessaa balleessuu ti.
13Wonni dhibiin isin gootanu ammoo addee ciinca'aa ta Mootii Waan Maraa imimmaaniin dhixxan; haganaa achi Mootiin Waan Maraa kennansa keessan gammadaan waan isin irraa hin fudhanneef, hin boottan; hin iyyitanille'e. 14Isin «Kun maaf te'a?» jettanee gaafatan; isin waa'ela teessan ta teetee muttaaraa teessaniif addatamuu waan dhaddaneef tun teete; Mootiin Waan Maraa isinii fi muttaaraa teessan oddu'utti dhugaa bayaa te'eeraayyu. 15Waaqi isinii fi muttaaraa teessan foonii fi Ayyaanalle'een tokko hin goonee ree? Maaf tana godhe? Sanyii Waaqa sodaattu waan barbaadeeruuf tana godhe; tanaaf ifi eeggadha'a! Muttaaraa teessaniif addatamummaa hin dhabina'a. 16Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii, «Ani nama niitii ifii lakkisu jibba; ani akka nama woyaa akka kaso'oon uffatuu nama waan hantuu godhulle jibba; tanaaf ifi eeggadha'a; addatamummaalle hin dhabina'a!» jedha.


