Dhufa Mootii Waan Maraa

1Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Kunoo, ani ergamaa kiyya ka karaa naaf qopheessu ifiin dura erga; dedhuma Goottaan isin barbaaddanu sun gara Galma ifii hin dhufa; kunoo, ergamaan waadaan galame ka isin halchitanu sun hin dhufa» jedha.

2Ammoo guyyaa dhufa isaatitti eentu ossuu dande'a? Yennaa inni mudhatu eentu isa dura dhaabbatuu dande'a? Inni akka ibidda sibiila baqisiisuu ti; akka saamunaa woyaa ittiin borcanuu ti. 3Inni akka nama sibiila baqisiisuu ti; akka nama meetii qulleessuu te'ee sanyii Lewwootaa baqisiisee akka worqi'ii fi akka meeti'ii isaan hin qulleessa; isaanille worra Mootii Waan Maraatiif ciincaa balchicha ciincessanu hin te'an. 4Achiin duuba ciincaan Yihuda'aatii fi ciincaan Yerusaalemii akka baroota dabaranee, akka woggoota durii sanitti Mootii Waan Maraa duratti fudhatama hin qabaata.

5Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, «Ani muraa kenniisaaf isinitti dhikaadheera; worra namatti xanu irratti, worra gaarayyeeffatu irratti, worra sobaan kakatu irratti, namoota worra hojjatoota, haadha hiyyeessaatii fi ijoollee abba'aa fi haati hin jirre cunqursanu irratti, worra nama alaga'aa muraa haqaa dhooggatu irratti, worra na hin sodaanne irrattille dafee dhugaa hin baya.