Kudhan Keessaa Tokko Kennuu

6«Ani Mootii Waan Maraa ti; ani anuma; ani hin jijjiiramu; isinille diqqumaayyuu hin jijjiiranne; isin haga ammaa ijoollee Yaaqoobii sobaalessaa ti. 7Bara abbootii teessanii irraa jalqaddanee haga ammaatitti isin seerata kiyya irraa gortaneertan; isalle hin eeganne; ani Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara Dade, ‹Gara kiyya deebi'a'a! Anille gara keessan hin deebi'a!› isiniin jedheera; isin ammoo, ‹Attamiin deebina?› jettan. 8Nami Waaqa hin saamaa? Te'uu malee isin na saamiisatti jirtan! Isin ammoo, ‹Attamiin si saamiisatti jirra?› jettanee hin gaafattan; isin kudhan keessaa tokko kennuu dhabiisaan, kennansa kennuu dhabiisalle'een na saamiisatti jirtan. 9Isin, gosi teessan martinuu na waan saamiisatti jirtanuuf, isin abaarantaneertan. 10Mana kiyya keessa sagaleen akka jiraattuuf kudhan keessaa tokko guutumatti gootaraa kiyyatti galcha'a! Ani foddaa ol-gubba'aa banee, eebba irraan dhangala'u yoo gad isiniif jissuu dhabaadhe na ilaala'a! 11Corroxxi adda addaa midhaan keessan akka hin balleessine ani hin xixa; fichaa keessan keessaa muki woyni'ii keessan ka midhaan dhabe hin te'u. 12Isin biyya nama gammachiittu keessa waan leetanuuf gosi biyya adda addaa martinuu, ‹Isin worra eebbifame› isiniin jedhan.