Badii Nanawwe'ee
1Nanawwe'e, ka balaa sitti buusu dhufeera.
Kushee teeti jabeeffadhu;
karaa eegi;
hidha keeti hidhadhu;
lolaaf qopheeffadhu.
2Saantuun sanyii Yaaqoobii saantulle,
woynii isaaniille balleessitulle,
Waaqi ilmaan Yaaqoobii ka te'ane,
ulfinna Israa'elii hin deebisa.
3Loltooti diinaa wontee diintuu qabataneeran;
isaan woyaa dhiillee uffataneeran;
yennaa isaan lolaaf qophowanu,
sibiilli garreettaa farda isaanii hin billiccisa;
woraanni isaanille hin mirmiffama.
4Garreettoti fardaa karaa irra ariiti'iin gulufan;
woldeennaa kara'aa keessa asii fi achi gulufan.
Isaan umeessaa bobe'u fakkaatan;
akka balaqqeetti'ii gugatan.
5Mootiin Asoorii loltoota ifii beekkantuu hin waama;
isaan dhufaaranuun karaa irratti hin gufatan;
gara dalleya qacha'aa hin gulufan;
wonteelle qophootteerti.
6Karri karaa lagaa ba'a jettee banante;
manni mootumma'aa jige.
7Nanawween salphatte;
mootittiin isi'ii booji'antee fudhatante;
tajaajiltooti isi'ii ta dubarti'ii,
qoonqoo gaddaa
ta akka qoonqoo saphaliisaa dhageessisan.
Gaddaan qoma ifii dhodhowatan.
8Akka bisaan naanniga cassee,
kolbaan Nanawwee keessaa hin baqatti!
«Dhaabbadhu! Dhaabbadhu!» jedhanee iyyan,
ammoo nami tokkolle hin deebi'u.
9Karri qachaa sanii baca'a,
qabeenni adda addaalle tuula'a;
Dhaqa'aatii meeti'ii fi worqii saama'a!
10Nanawween baddee, ontee, duwwiteerti!
soda'aan baqanee, jilbille sheephiseera.
Neenqoleen marti hin hollatti;
fuulli nama maraatuu shankallowe!
11Mandheen neenqaa,
godi isaan dardaroota neenqaa itti nyaachisanu,
latti neenqi kormii fi dhalaan
sodaa malee keessa deddeemanu fakkaattu
qachaa sun amma meet ree?
12Neenqi ilmoolee ifiitiif foon kukkuta;
neenqa dhala'aafille ka gewu adansa.
Inni goda ifii waan adanseen,
boolla ifiille foon kukkutameen guuta.
13Nanawwe'e! Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade, «Kunoo, ani si morma! Garreettaa fardaa keeti ibiddaan guba. Loltoota teeti shallaaga'aan fixa; waan ati adanfattu mara ani lafa irraa balleessa; qoonqoon ergantoota teetiille haganaa achi hin dhage'antu» jedha.


