24«Elaamille awwaala kolbaa isi'ii bindilla'aa maraan marfantee achi jirti; marti isaaniituu shallaaga'aan ijjeefamane; lafa worra lubbu'uun jiruu keessatti worri akka nami bararaqu godhe marti du'a worra waaqa malee le'uu du'anee, boolla qile'eetitti gad bu'aneeran; worra boolla qile'eetitti gad bu'e woliin salphataneeran.


