Select a Verse

Israaʼel Bubbee Hamaa Haammata

1“Malakata afaan keetti kaaʼadhu!

Sababii namoonni kakuu koo cabsanii

seera kootti fincilaniif

risaan tokko mana Waaqayyootiin ol jira.

2Israaʼel, ‘Yaa Waaqa keenya nu si beekna!’ jedhee

gara kootti iyyate.

3Taʼu iyyuu Israaʼel waan gaarii dideera;

kanaafuu diinni isa ariʼa.

4Isaan walii galtee koo malee mootota moosifatan;

utuu ani hin fudhatiniif ilmaan moototaa filatan.

Isaan meetii fi warqee isaaniitiin

badiisa isaaniitiif

waaqota tolfamoo ofii isaaniitiif tolfatan.

5Yaa Samaariyaa, waaqa kee tolfamaa bifa jabbii sana baasii gati!

Dheekkamsi koo isaanitti bobaʼa.

Isaan hamma yoomiitti qulqullaaʼuu dadhabu?

6Isaan warra Israaʼel!

Jabbii kana ogeessa hojii harkaatu tolche;

inni Waaqa miti.

Jabbiin Samaariyaa ni hurraaʼa.

7“Isaan bubbee facaafatanii

bubbee hamaa haammatu.

Mukni isaa mataa hin qabu;

daraaraas hin baasu.

Utuu inni midhaan naqatee

silaa namoonni ormaa ni nyaatu ture.

8Israaʼel liqimfameera;

isaan amma saboota gidduutti

akka waan faayidaa hin qabne tokkoo ti.

9Isaan akkuma harree diidaa kan asii fi

achi kophaa jooruu gara Asooriitti ol baʼaniiruutii;

Efreemis michootatti of gurgureera.

10Isaan saboota gidduutti yoo of gurguran iyyuu

ani amma walitti isaan nan qaba.

Isaan hacuuccaa mooticha jabaa jalatti

ni sukkuumamu.

11“Efreem aarsaa cubbuutiif iddoo aarsaa hedduu yoo hojjete iyyuu,

lafti sun iddoo aarsaa itti cubbuu hojjechuuf qopheessan taʼeera.

12Ani waaʼee seera koo waan baayʼee isaaniif barreesseera;

isaan garuu akkuma waan alaa dhufe tokkootti ilaalu.

13Isaan aarsaa naaf kenname dhiʼeessu;

foon sanas ni nyaatu;

Waaqayyo garuu isaanitti hin gammanne.

Inni amma hammina isaanii yaadatee

cubbuu isaanii adaba:

Isaan gara Gibxitti deebiʼu.

14Israaʼel Uumaa isaa irraanfatee

masaraawwan mootummaa ijaare;

Yihuudaan magaalaawwan hedduutti dallaa ijaare.

Ani garuu ibidda daʼannoowwan isaanii

barbadeessu magaalaawwan isaaniitti nan erga.”