Select a Verse
Loltooti Kutaa Kuta'atti Qoodante
1Israa'elooti sooressitoota maati'ii, ajajjooti kumaa, ajajjooti dhibbaa, qondaaltoti isaan gurmeessanulle kutaa woraanaa keessatti mootummaa kanaaf tajaajilane; kutaan woraanaa tokko tokkoon isaatuu namoota kuma diddamii afur ifi keessaa qabu kun woggaa keessatti ji'a tokko tokko hujatiisaaf, kutaan haarenni yennaa dhufu ka hujate ammoo hin galaayyu; tarreen isaanii asii gad jiran:
2Ilmi Zabdii'elii Yaashobi'aam, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a qaraa yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 3Inni sanyii Faaresii ti; ajjajjoota kutaa loltoota ji'a qaraa maraafuu sooressi isa. 4Dodaayi sanyiin Ahohii, ji'a lammeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a lammeesso'oo yoo te'u, Miiklotille itti aanaa ajajaa kutaa loltoota sanii ti; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 5Hayyichi sooressi ilmi Yehoyaada'aa Benaayaan, ji'a arfeesso'ootitti ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sadeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 6Benaayaan gootota soddoma keessaa goota jaba'a. Ilmi isaa Amiizaabaad, ajajaa kutaa loltoota abbaa ifii ti. 7Arfeessoon, obboleessi Yo'aabii Asaahel, ji'a arfeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a arfeesso'oo yoo te'u, ilmi isaa Zebaadiyaan addee isaa bu'e; namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 8Nami Yizraahii Shaamhut, ji'a shaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a shaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 9Jayeessoon, ilmi Iqeshii nami Teqo'aa Liraan, ji'a jayeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka jayeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 10Torbeessoon, sanyiin Efreemii nami Phelonii Helez, ji'a torbeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a torbeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 11Saddeetessoon, maatiin Zera'aa ka sanyii Hushaa Siibekaayi, ji'a saddeetesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a saddeetesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 12Sagaleessoon, nami Anaatotii sanyiin Beniyaaminii Abii'ezer, ji'a sagaleesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a sagaleesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 13Kudhaneessoon, maatiin Zera'aa nami Netofa'aa Maharaay, ji'a kudhaneesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhaneesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 14Kudhanii tokkeessoon, nami Phiiraatonii Benaayaan sanyiin Efreemii, ji'a kudhanii tokkeesso'ootitti, ajajaa kutaa loltootaa ka ji'a kudhanii tokkeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessaa kuma diddamii afur. 15Kudhanii lammeessoon, nami Netofa'aa sanyiin Otnii'elii Heldaayi, ji'a kudhanii lammeesso'ootitti, ajajaa loltootaa ka ji'a kudhanii lammeesso'oo yoo te'u, namooti kutaa isaa keessa kuma diddamii afur.
Sooressitoota Gosa Israa'elii
16Sooressitooti gosoota Israa'elii ka asii gad jiranu: gosa Ruubenii ka sooressu ilma Ziikrii Elii'ezer; gosa Shimi'oon ka sooressu, ilma Ma'akaa Shefaaxiya'a.
17Gosa Lewwi'ii ka sooressu, ilma Qemu'elii Hashabiiya'a; maatii Aaronii ka sooressu, Zaadoq. 18Gosa Yihuda'aa ka sooressu, obboleessa Daawitii Eliihu'u; gosa Yisaakorii ka sooressu, ilma Mikaa'elii Omiri.
19Gosa Zebuloonii ka sooressu, ilma Obaadiya'aa Yishmaa'iya'a; gosa Niftaalemii ka sooressu, ilma Azrii'elii Yeremoot.
20Gosa Efreemii ka sooressu, ilma Azaziya'aa Hoshe'a'a; gamisa gosa Minaase'ee ka sooressu, ilma Phedaaya'aa Yo'el.
21Gamisa gosa Minaase'ee ka Giil'aadi keessaa ka sooressu, ilma Zakaariyaasii Iddo; gosa Beniyaaminii ka sooressu, ilma Abneerii Ya'aasi'el.
22Gosa Daanii ka sooressu, ilma Yerohaamii Azaareli; isaan kun worra sooressitoota gosoota Israa'elii te'e.
23Mootiin Waan Maraa, «Kolbaa Israa'elii akka urjoota ol-gubba'aa hin baceessa» jedhee waadaa waan galeef, Daawiti namoota woggaa diddamaa gadii hin laakkonne. 24Yo'aab ka Zeruyaan deette namoota laakkowiisa jalqabee, ammoo laakkowee hin muummessine; laakkowamiisa kolba'aa kanaaf aariin Waaqaa kolbaa Israa'elii irratti waan bobeetteef, laakkossi kolba'aa kitaaba dabarsii mooticha Daawitii keessatti hin barreeffanne.
Itti Gaafatantoota Qabeenna Mootichaa
25Ilmi Adii'elii Azmaaweti, itti gaafatamaa qabeenna mana mootumma'aa ti; ilmi Uziya'aa Yonaataan, itti gaafatamaa qabeenna biyya keessaa, qabeenna qachoota keessaa, qabeenna ollaa keessaatii fi xelleephoo keessaa ti.
26Ilmi Keluubii Ezri itti gaafatamaa hujii fichaa qonnaa ti.
27Nami qachaa Raamaatii Shime'i itti gaafatamaa fichaa muka woyni'ii ti; Zabdiin nami Shiifmii itti gaafatamaa cunfaa midhaan woyni'ii ka fichaa muka woyni'ii keessatti kuufamuu ti.
28Ba'aal-Hanaan nami Gederii itti gaafatamaa mukoota ejersaatii fi mukoota harru'uu kooba karaa seensa adu'uutiin jalaa ti; Yo'aas itti gaafatamaa kuusaa zayitii ejersaa ti.
29Nami Shaaronii Shiitraay, itti gaafatamaa loon Shaaron keessa tikatanuu ti; ilmi Adlaayimii Shaafaax itti gaafatamaa loon dhooqa keessa tikatanuu ti. 30Obiiliin Ishimaa'elichi itti gaafatamaa gaalaa ti; nami Meronootii Yedaa'iyaan, itti gaafatamaa harreele'ee ti.
31Nami Hagirii Yaaziiz, itti gaafatamaa hoolotaa ti; isaan martinuu itti gaafatantoota qabeenna Daawitii mootichaa ti. 32Abbaa diqqaan Daawitii mootichaa Yonaataan, ka namatti gorsu, nama hubata'aa fi beeka'a. Yehii'el ilmi Hakmonii ilmaan mootichaa guddisaa ture. 33Ahiitofel gorsaa mootichaa ti; Hushaayi nami kolbaa Arkii lansa mootichaa ti. 34Ahiitofelitti aanee ilmi Benaayaatii Yehoyaadaan, isatti aanee Abiyaataar addee fudhatane. Yo'aab ajajaa loltoota mootichaa te'e.


