Select a Verse
Sanyii Yihuda'aa
1Ilmaan Yihuda'aa: Faares, Hezron, Karmi, Huurii fi Shobaal. 2Ilmi Shobaalii Re'aayaan Yaahaat uumate; Yaahaat Ahumaayii fi Lahadi uumate; isaan kun fira Zoraatotaa ti. 3Ilmaan Etaamii: Yizre'el, Yishma'aa fi Yidbaash; maqaan obboleettii isaanii Hazelelphon. 4Phenu'el Gidoor uumate; Ezer Hushaa uumate. Isaan kun ilmaan ilma angaficha Efraata'aa, abbaa qachaa Betlihemii ka te'e, sanyii Huurii ti.
5Ashuur abbaan Teqo'aa, niitii lama Hela'aa fi Na'araa qaba. 6Na'araan Ahuzaam, Hefer, Teyimenii fi Haa'ashtaar isaaf deette. Isaan kun ilmaan Na'araa ti. 7Ilmaan Hela'aa: Zeret, Yezohaarii fi Etnaan.
8Koz abbaa Anubiitii fi Zobeba'aa ti; abbaa fira sanyii Aariihelii ilma Harumii ti.
9Yaabez obboleeyyan ifii caalaa nama ulfinna qabu. Haati isaa, «Ani ciniinsuu jaddu'uun isa deyeera» jedhiisaan, maqaa isaa, «Yaabez» jette. 10Yaabez, «Maganne'ee, na eebbisi; lafa badhoolle naa kenni. Harki keeti na woliin jiraatuu ti; akka isiin farra natti hin finne waan hantuu irraa na eegi» jedhee, Waaqa Israa'elii gaafate. Waaqille waan inni gaafate isaaf kenne.
11Obboleessi Shuka'aa Keluub, abbaa Eshtoonii Maakiir uumate. 12Eshtoon ilmaan sad: Betraafaa, Phaaseha'aa fi Tehiinaa uumate. Tehiinaan abbaa Ir-naahaashii ti. Isaan worra qachaa Reka'aa keessa le'e.
13Qenazii ilmaan lama: Otnii'elii fi Seraayaa uumate. Otnii'elille ilmaan lama: Katatii fi Me'onotaayi uumate. 14Me'onotaayi, Ofraa uumate. Seraayaan, abbaa qachaa «Geharaashim» jedhamuu, ka worri hujii harkaa huju keessa le'u, Yo'aab uumate; Yo'aab Geharaashimi uumate; isaan kun worra hujii harkaa beeku waan te'aneef maqaa kanaan waamane.
15Ilmi Yofune'ee Kaaleb ilmaan sad: Iiruu, Ela'aa fi Naa'aam uumate. Elaan Qenaz uumate.
16Yihaleli'el ilmaan afur: Ziif, Ziifaa, Tiiriiya'aa fi Asaare'el uumate.
17Izraan ilmaan afur: Yeter, Mered, Eferii fi Yaalon uumate. Isaan kun ilmaan Betiyaa intala mooticha Gibxi'ii ta Mered fuudhee ti; isiin ulfoottee Miiryaam, Shaamaayii fi Iishiba abbaa Eshtemo'aa isaaf deette. 18Niitiin isaa Yihudittiin: Abbaa Gedoorii Yered, Abbaa Sokoo Heber, Abbaa Zaano'aa Yekutii'el isaaf deette. Isaan kun ilmaan intalti Fara'oonii Biitiyaan ta Mered fuudhe deette.
19Ilmaa niitii Hodiiyaa ta obboleettii Nahaamii Qeyilaa abbaa Gaarimiitii fi Eshtemo'aa Ma'akichaa ti. 20Ilmaan Shimoonii: Amnoon, Riinaa, Benhaanaanii fi Tiilon; ilmaan Yishii: Zoheetii fi Ben-Zoheeti. 21Ilmaan Shelaa ilma Yihuda'aa: Abbaa Lekaa Eer, abbaa Maresha'aa La'aada'aa fi worra woyaa quncee talba'aa dansaa irraa hujante ta qachaa Bet-Ashbe'aatii keessatti hujuu, 22Yoqiim, namoota qachaa Kozeba'aa, Yo'aasii fi Saaraaf ka Mo'aab bulche, Yaashub Lehem fa'a. [Barreeffam kun ka durii ti.] 23Isaan kun worra faara dhowu ka qachaa Nexaayimiitii fi Gedera'aa keessa le'u. Isaan achi le'anee mooticha tajaajilane.
Sanyii Shimi'oonii
24Ilmaan Shimi'oonii: Nemu'el, Yaamiin, Yaariib, Zera'aa fi Shaawul. 25Shaawul Shaalum uumate; Shaalum Miibsaam uumate; Miibsaam Miishimaa uumate. 26Sanyii Mishma'aa: Miishimaan Hamu'el uumate; Hamu'el Zaakur uumate; Zaakur Shime'i uumate. 27Shime'i ilmaan kudhanii jaa fi ijoollee durraa jaa uumate; obboleeyyan isaa ijoollee hedduu hin uumanne; firri isaanii martinuu akka kolbaa Yihuda'aa hin horre.
28Qachooti sanyiin Shime'ii keessa le'ane: Bersheebaa, Molaadaa, Hazarshuwaal, 29Bilhaa, Ezem, Tolaad, 30Betu'el, Hormaa, Siiqlaag, 31Bet-Markaboot, Hazaarsusiim, Bet-Bire'ii fi Sha'araayiim; haga bara Daawiti mootii te'ee bulchetti isaan qachoota kana keessa le'ane. 32Ollooti isaanii shan ka adaala qachoota kanaa jiranu: Etaam, Aayin, Rimoon, Tokkeenii fi Ashaan, 33haga qachaa Ba'aalaatiititti ollooti dhibiille hin jiran. Qachooti kun addee isaan keessa qubatanee fi addee isaan galmee hidda dhaloota ifii itti maffatane.
34Sooressitooti abbootii fira isaanii: Meshobaab, Yaamlek, ilma Yosha'aa Amaasiyaa, 35Yo'el, abuuboo Yoshiibiyaa, akaakoo Seraayaa ilma Asii'elii Yehuu, 36Elyo'enaayi, Ya'aqobaa, Yishohaayaa, Ashaayaa, Adii'el, Yesiimii'el, Benaayaa, 37ilma Shiifii Ziizaa, Ziiza ka Aalonii, Aalon ka Yedaa'iya'aa, Yedaa'iyaan ka Shiimrii, Shiimri ka Shemaa'iyaa ti. 38Worri maqaan isaanii dhowame kun fira isaanii keessatti worra qondaaltota te'ane; sanyiin fira isaanii guddoo horte. 39Isaan horii ifiitiif marra barbaadatiisaaf, dhooqa san karaa aduun baatu haga seensuma Gedoorii ideemanee, 40achitti horii ifiitiif marra bisilee dansaa dhaggatane; latti sun lafa akka malee badhoo sarmaa fi nageya qaddu; sanyiin Kaamii dur achi qubatteertiiyyu.
41Worri maqaan isaanii barreeffame kun bara Hisqiyaas mootii Yihuda'aa te'eeru dhufanee, sanyii Kaamii lolanee dunkaanii isaanii diiganee balleessanee, worra Me'unootaa ka achi jiranulle ijjumaa balleessane; tunille haga adhaatitti beekkanteerti; isaan horii ifiitiif marra achitti waan dhaggataneef, addee kolbaa saniititti qubatane. 42Sanyii Shimi'oonii keessaa gariin namooti dhibbi shan, ilmaan Yishii: Phelaatiyaa, Ne'aariyaa, Refaayaa fi Uzii'el fa'a sooreyyii godhatanee biyya koobittii Se'iirii qabatane. 43Amaaleqoota miliqanee hafanelle ijjeesanee, haga adha achi le'ane.


