Select a Verse
Solomoon Qarummaa Dhaggatiisaaf Daadimate
(2 Dab. 1:3-12)
1Solomoon intala mooticha Gibxi'ii fuudhee isa woliin firoome; inni mana mootummaa ifiitii fi Galma Mootii Waan Maraa ijaaree haga fixutti, Yerusaalemitti dalleya marsee ijaaree haga fixutti, qachaa Daawitii keessa isii keye. 2Yennaa san Galmi Mootii Waan Maraatiif ijaaramee waan hin jirreef, kolbaan addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessitiiyyu. 3Solomoon seerata abbaa ifii Daawitiititti buliisaan, Mootii Waan Maraa jaalate; te'uu malee addee waaqonfanna'aa irratti ciincaa dhikeessee hixaana aarse.
4Addeen waaqonfanna'aa ta qachaa Giibe'onii, irra caalaa barbaachittuu waan teeteef, mootichi Solomoon addee ciinca'aa ta achi jirtu irratti ciincaa dhikeessiisaaf dhaqe; inni addee ciinca'aa san irratti ciincaa kuma tokko dhikeesse. 5Halkan san achitti Mootiin Waan Maraa oojju'uun Solomoonitti mudhatee, «Akka si'iif kennu waan barbaaddu na gaafadhu» jedhe.
6Solomoon deebisee, «Abbaan kiyya Daawiti tajaajilaan keeti addatamumma'aan, balchumma'aa fi qajeelumma'aan si dura waan deddeebi'eef, jaalala keeti guddaa ka bara baraa isaaf mudhitteerta; jaalala keeti guddaa ka bara baraa kana isaaf eeddee, adhalle ilma addee isaatitti barcumaa mootummaa isaa irra tee'u isaaf kenniteerta. 7Ee Mootii Waan Maraa Waaqa kiyya, ani tajaajilaan keeti addee abbaa kiyya Daawitiititti mootii akka te'u gooteerta; ani ammoo ijoolle'e; attam akka bulchanulle hin beeku. 8Kunoo ani tajaajilaan keeti, kolbaa ati filatte bindillaa laakkowanee hin dhaqqanne odduu jira. 9Tanaaf kolbaa teeti bulchiisaaf, hantu'uu fi dansaa gargar baasee akka beeku, qalbii hubanti'ii ana tajaajilaa keetiif kenni. Yoo akkas hin te'in kolbaa teeti guddoo tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.
10Solomoon tana waan gaafateef Mootiin Waan Maraa gammade. 11Maarre Waaqi Solomooniin, «Ati ifiif bara dheeraa le'iisaaf yookiin duroomiisaaf yookiin diinoti keeti akka du'anuuf adoo hin te'in, muraa haqaa kenniisaaf qarummaa waan na gaafatteef, 12ani waan ati na gaafatte siif hin godha; qarumma'aa fi hubantii nami tokkoolle tanaan qara hin qanne yookiin haganaa achille dhaggatuu hin dandeenne si'iif hin kenna. 13Ammalle waan ati na hin gaafatin, durumma'aa fi ulfinna si'iif hin kenna; bara jiruu teetii moototi si'iin qixxoottu hin jiraattu. 14Akkuma abbaa keeti Daawitii, karaa kiyya yoo deente, seerataa fi ajaja kiyyaaf yoo ajajante, bara keeti si'iif hin dheeressa» jedhe.
15Achiin duuba Solomoon hirriibaa dammaqee, akka oojjuu teete hubate; inni gara Yerusaalemii dhaqee, Saanduqa Gondooroo Mootii Waan Maraa dura dhaabbatee ciincaa dhikeessee, kennansa tokkumma'aa kenne; tajaajiltoota ifii duudiille'eef jila jilise.
Solomoon Muraa Qarumma'aa mure
16Gaafa tokko dubartooti sagaagaltooti lama gara Solomoonii mootichaa dhufanee, isa dura dhaabbatane. 17Isaan lamaan keessaa takkattiin mootichaan, «Goottaa kiyya, anii fi dubartittiin tun mana tokko keessa leena; adoo isiin na woliin achi jirtuu ani ilma deye. 18Ani ilma deyeen duuba, guyyaa sadeesso'ootitti isiille ilma deette; mana san keessa nu lamaan malee nami dhibiin hin jiruuyyu. 19Dubartittiin tun halkan tokko annuu ifii irra waan irkatteef, annuun sun du'e. 20Achiin duuba ani tajaajiltuun teeti adoo rafeeruu, isiin halkan wodhakkaa kaatee, annuu kiyya cinaa tiyyaa fuutee cinaa ifii irkittee, annuu isi'ii ka du'e cinaa tiyya irkitte. 21Boruyyaa ganama ani annuu kiyya hoosifatiisaaf yennaa ka'u, isa du'eeru dhagge; barii latti itteertuun hubadhee yennaa ilaale, annuu ani deye akka hin te'in beeke» jette.
22Dubartittiin tuun ammoo, «Lakkii! Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti» jette. Dubartittiin qaraa, «Waawwo'o! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya» jette. Maarre isaan mooticha duratti wol moromane.
23Achiin duuba mootichi Solomoon, «Dubartiin tun, ‹Annuun jiru kiyya; ka du'e keeti› jetti; tuunille, ‹Lakkii! Annuun du'e keeti; ka jiru kiyya› waan jettuuf, 24shallaagaa natti fida'a!» jedhe; isaan shallaagaa isatti fidane. 25Achiin duuba inni isaaniin, «Annuu jiru addee lamatti gargar baqassa'aatii, gama tokko dubartii takka'aaf, gama kaan dubartii taaniif kenna'a» jedhee ajaje.
26Dubartittiin annuu isi'ii lubbu'uun jiru ammoo annuu ifiitiif naatee, «Maganne'e mooticha kiyya, annuu jiru isi'iif kenni malee, hin ijjeesin» jette. Dubartittiin tuun ammoo, «Anaa fi isiille'eef hin kennin; addee lamatti gargar baqaffamuu ti» jette.
27Achiin duuba mootichi Solomoon, «Annuu jiru hin ijjeesina'a; dubartittii qaraatiif kenna'a; isiin haadha isaa ti» jedhe. 28Kolbaan Israa'elii marti muraa Solomoon kenne yennaa dhageette, akka inni muraa haqaa muriisaaf Waaqa biraa qarummaa dhaggate beettee, ulfinna guddaa isaaf kennite.


