Select a Verse
Tajaajila Dhugaamessa
1Waaqi marartii ifiitiin tajaajila kana waan nu'uu kenneef addii hin kutannu. 2Nuuti waan dhossa'aa fi fokkisiisaa te'e lakkinneerra; maltumma'aan hin hunyu; Jecha Waaqaalle hin micciirru; addee akkasii dhugaa ifatti baannee mudhinna; ifille wodanaa nama maraatiif fuula Waaqaa duratti ifa goona. 3Oduun Gammadaa ta nuuti lallannu yoo gollantelle, worra baduuf gollante. 4Bulchaa biyya lafa tanaa ka te'e Seexanni qalbii worra hin dhugeeffannee jaamseera; inni Oduu Gammadaa ta ulfinna Kiristoosii isaanii issitu, ta bifa Waaqaatiin mudhatte akka isaan hin dhaggine godheera. 5Nuuti Yesuus Kiristoos Goottaa akka te'ee fi nuutille marroo isaatiif tajaajiltoota teessan akka teene lallabaarra malee, marroo teennaa moti. 6Waaqi, «Ifi dukkana keessatti ifuu ti» jedhee dubbate, ifa beekkumsa ulfinna ifii ka fuula Kiristoosii irraa mudhatu, gadhaa keenna keessatti akka ifu godhe.
7Ammoo hunni waan duudii irra caaltu tun, Waaqa irraa malee nu'u irraa akka hin te'in akka beekkamuuf karra ayyaantittii tana akka okkotee faaraa teenee qabanneerra. 8Karaa maraan hin rakkanna, ammoo hin injifatannu; yennaa hedduu waan goonu hin wollaalla, ammoo addii hin kutannu. 9Miidhaan nu'u irra hin geya, ammoo jaalota dhannee hin beennu; dhowannee hin jinna, ammoo hin duunu. 10Jiruun Yesuusii nafa keenna irratti akka mudhatu, yennaa duudii du'a isaa nafa keenna irratti ba'annee deddeenna. 11Jiruun Yesuusii nafa keenna ka du'u irratti akka mudhattuuf, nuuti worri jirruuyyuu marroo Yesuusiitiif yennaa mara du'aaf dabarfannee hin kennanna. 12Maarre nuuti yennaa maraa afaan du'aa jirra, isin ammoo afaan jiru'u jirtan.
13Teetuu malee Barreeffama Woyyicha keessatti, «Ani dhugeeffadhe; tanaaf dubbadhe» akkuma jedhante, nuutille ayyaanuma dhugeeffanna'aa san waan qannuuf hin dhugeeffanna. Sababa kanaaf hin dubbanna. 14Waaqi ka Goottaa Yesuus du'aa kaase, nu'ulle Yesuus woliin akka kaasuu fi isin wolille'een ifi duratti akka dhikeessu hin beenna. 15Akkuma badhaadhi Waaqaa irra caalaa fakkanaa worra hedduu dhaqqabaa deemuun, worri ulfinna Waaqaatiif galata dhikeessu akka heddatuuf tun duudiin isiniif teete.
Dhugeeffanna'aan Jiraatuu
16Tanaaf addii hin kutannu. Nafi keenna ka gubba'aa dulloomaa dadhabaa jiraatulle, nafi keenna ka keessaa guyyuma guyya'aan hin haareffama. 17Rakkoon teenna diqqo'oo fi ta haga yenna'aa tun, ulfinna guddaa bara baraa ka haga hin qanne akka dhaggannu nu gooti. 18Nuuti ka eegannu waan hin mudhanne malee, waan mudhatuu moti. Wonni mudhatu ka haguma yenna'aa ti; wonni hin mudhanne ammoo ka haga bara baraa ti.


