Select a Verse

1Jaalota tiyya, addiin tun duudiin waan nu'uu kennanteef, waan nafaa fi ayyaana keenna xureessu duudii irraa kowa'a ifi qulqulleessina; Waaqalle sodaataa woyyummaan teenna mijuu akka teetu kowa'a goona.

Gammada Phawuloosii

2Gadhaa nuu badhadha'a. Nuuti nama tokkolle hin yakkine; nama tokkoolle hin miine; yookiin eennulle itti fayyadama keenna hin godhanne. 3Ani yakkaa isinitti muru'uuf tana jedhiisatti hin jiru; akkuma ani tanaan qara isinitti hime isin gadhaa keenna keessa jirtan. Tanaaf jiru'uu fi du'alle'een yennaa mara isin irraa gargar hin baanu. 4Addiin ani isin irratti qabu guddo'o; guddoo isiniin ifi jaja; guddoolle jajjabaadheera; rakkoo teenna mara keessatti ani akka malee gammade.

5Yennaa lafa Maqedooniya'aa geennelle, rakkoon karaa adda addaatiin nu dhaqqadde malee hin foorfanne; alaan lola, keessa keennaan sodaa qannaayyu. 6Waaqi worra se'a cabe jajjabeessu ammoo, dhufa Tiitoosiitiin nu jajjabeesseera. 7Nuuti dhufa isaa qofaan adoo hin te'in, akka isin isa jajjabeessitanelle waan dhageenneef jajjabaanneerra. Akkasuma dharraa, gaddaa fi yaaddoo naaf qaddanu yennaa nu'utti hime, ani caalaa gammade.

8Ergaan ani tanaan qara isiniif barreesse ta isin gaddisiittu teetulle, ergaa san waan barreesseef hin gaabbu; gaabbee yoo jiraadhelle ergaan tiyya haga diqqo'oof waan isin gaddisiitteef gaabbe. 9Amma ammoo waan isin gaddisiiseef adoo hin te'in, gaddi keessan akka cubbuu irraa deebitanu waan isin godheef ani hin gammada. Gaddi keessan akka fedha Waaqaa waan te'eef, nuuti waan tokkolle'een isin hin miine. 10Gaddi akka fedha Waaqaa te'e, nama cubbuu irraa deebisee gara fayyinnaa geessa malee, hin gaabbisiisu. Gaddi biyya lafaa ammoo du'a fida. 11Gaddi keessan ka akka fedha Waaqaa te'e kun haajamuu attamii, falmata attamii, mufii attamii, sodaa attamii, dharraa attamii, hinaaffaa attamiitii fi dokonkora adabiisa akka feetanu akka isin godhe ilaala'a. Isin ammoo waan ani tanaan dura isinii barreesse irraa bilisa akka teetane mirkaneessitaneertan.

12Maarre ani isiniif barreessulle, hinaaffaan isin fuula Waaqaa duratti nu'uuf qaddanu akka isiniif ifa teetu malee, marroo nama yakkaa hujeetii fi yakkametiifii moti. 13Jajjabeenna keenna caalaa gammada Tiitoos dhaggateen ka caalu gammanneerra; wonni nuuti gammanneefille isin duudiin Tiitoos waan jajjabeessitanee fi yaada isaa foorfachiittaneef. 14Ani ifi jajiisa isiniin qabu Tiitoositti himeeraayyu; isinille na hin qaanessine; nuuti yennaa maraa dhugaa isinitti hinneerra; maarre ifi jajiis marroo teessaniif Tiitoositti hinne, dhugaa akka teete mirkanootteerti. 15Isin duudiin Tiitoosiif ajajamaa, soda'aa fi rorommiisaan akka isa fudhattane yennaa qaabatu, jaalaltiin inni isiniif qabu ittuma ede'ante. 16Ani karaa maraan isinitti addatiisa waan dande'eef guddoo gammadeera.