Select a Verse

Pheexroos Fi Yohaannis Kora Mura'aa Dura Dhikaatane

1Pheexroosii fi Yohaannis adoo kolba'atti dubbatiisatti jiranuu hayyooti, dura buutoti eeddota Galma Waaqaatii fi Saduqooti itti dhufane. 2Ergantooti lamaan akka Yesuus du'aa ka'ee fi worri du'elle akka du'aa ka'u waan kolbaa barsiisaneef, jarri tun isaanitti aarte. 3Maarre isaan Pheexroosii fi Yohaannis qabanee, latti waan dhiiteertuuf haga bariitu mana hidha'aa galchane. 4Ammoo worra jecha isaanii dhage'e keessaa worri hedduun dhugeeffate; laakkossi worra dhugeeffatee gara kuma shanii guddate.

5Boruyyaa sooressitooti Yihudootaa, jaarsole'ee fi barsiisoti Seera Muuse'ee Yerusaalem keessatti wolitti qabamane. 6Worra wolitti qabame san keessa hayyichi guddaan Haannaas, Qayyaaffaan, Yohaannis, Iskindrosii fi maatiin Hayyicha gudda'aalle achi jiran. 7Isaan Pheexroosii fi Yohaannis ifiin dura dhaabbachiisanee, «Hunna maaniitiin yookiin maqaa eennuutiin Kana gootane?» jedhanee gaafatane. 8Pheexroos Ayyaana Woyyichaan guutamee, «Isin bulchitooti kolba'aatii fi jaarsoleen, 9marroo waan dansaa namicha naafa kanaaf godhamee nu gaafattanii? Ka isa fayyiselle eennu akka te'e nu gaafattanii? 10Namichi amma fayyee isin dura dhaabbatu kun, maqaa Yesuus Kiristoosii nama Naaziretiitiin akka fayye, marti keessanii fi kolbaan Israa'elii martinuu beeka'a! Isin Yesuus fannittanee ijjeettane; Waaqi ammoo du'a keessaa isa kaase. 11Inni dhakaa isin worri mana ijaaru tuffattane, ka ammoo dhakaa dhakaa mara caalu ite'e.

12Fayyinni karaa Yesuus Kiristoosii qofaan malee, karaa dhibi'iin hin jiru; akka nuuti ittiin fayyinuuf, maqaan Waaqi namootaaf kenne, isa qofa malee, biyya lafaa duudii irra ka dhibiin hin jiru» jedhe.

13Pheexroosii fi Yohaannis sodaa malee akka dubbatane miseensoti koraa yennaa dhaggane, akka isaan barumsa guddaa hin qanne waan beekanuuf, worri kora mura'aa baaseffatane. Teetu malee akka isaan Yesuus woliin turaneeranu isaaniif gale. 14Ammoo namichi fayye sun, Pheexroosii fi Yohaannis woliin dhaabbateeruun waan dhagganeef waan jedhanu dhabane. 15Maarre isaan akka Pheexroosii fi Yohaannis mana mura'aa keessaa gad bayanu ajajanee, achiin duuba woliin mari'atiisa jalqabanee, 16«Jara tana maan goona? Bilbaasi kun karaa isaaniitiin akka hujame namooti Yerusaalem keessa jiranu duudiin hin beekan, bilbaasi kun hin teene jennee hin dandeennu. 17Ammoo wonni kun akka hin babadhanne, maqaa Yesuusiitiin ijjumaa deebi'anee nama tokkolle'etti akka hin dubbanne, kowa'a isaan seerraa» jedhane.

18Achiin duuba isaan Pheexroosii fi Yohaannis ammalle gara keessaa deebisanee waamanee maqaa Yesuusiitiin ijjumaa akka hin dubbanne yookiin hin barsiinne itti himane. 19Pheexroosii fi Yohaannis ammoo deebisanee, «Waaqaaf ajajamiisa irra isiniif ajajamiis Waaqa duratti sirri'ii? Me isinuu mura'a. 20Nuuti waan ifii dhagginee fi dhageenne himiisa hin lakkinnu» jedhane. 21Maarre Korri mura'aa jabeessee isaanitti seeree akkanumaan isaan gad lakkise; kolbaan duudiin sababa bilbaasa te'eetiif waan Waaqa leellisiisatti jirtuuf, karaa dande'anee isaan adabanu hin dhagganne. 22Namichi bilbaasi kun irratti hujame woggaan isaa afurtama caala.

Dhugeeffattooti Akka Hin Sodaanne Daadimatte

23Pheexroosii fi Yohaannis akkuma gad lakkifamaneen, gara jara ifii deebi'anee waan sooreyyiin hayyootaatii fi jaarsoleen Yihudootaa isaaniin jedhane itti himane. 24Isaan tana yennaa dhage'ane, qoonqoo ifii addee tokkotti ol qabatanee daadimataan gara Waaqaa, «Gootta'a, ol-gubbaa, lafa, Abbaaya'aa fi waan isii keessa jiru duudii ka dade si'i. 25Ayyaana Woyyichaan, afaan garbicha keeti Abbaa abbootii teennaa Daawitiitiin,

«‹Worri Yihudoota hin te'in maaf aarane?

Kolbaan mala bu'aa hin qanne maaf dhootte?

26Moototi lafaa ifi qopheeffatanee,

bulchitootille wolitti qabamanee,

Gootta'aa fi Masiihii isaa irratti ka'ane› ka jette si'i.

27«Dhugumaan qachaa kana keessatti Heroodisii fi Phonxoos Philaaxoos, worra Yihudoota hin te'inii fi kolbaa Israa'elii woliin, tajaajilaa keeti Woyyicha, ka ati Masiihii goote Yesuusitti ka'ane. 28Isaan waan ati hunna teetii fi fedhii teetiin akka teetuuf murteertu muummessane. 29Ammalle Gootta'a, sodaachisaa isaanii tana ilaali, nuuti tajaajiltooti teeti sodaa malee akka dubbannu nu godhi. 30Karaa maqaa tajaajilaa keeti woyyicha Yesuusiitiin dhibee irraa akka fayyanu, baasaa fi bilbaasi akka godhamu harka keeti diriirsi» jedhane.

31Isaan daadimataneen duuba, addeen isaan itti wolitti qabamane tachoote. Isaan duudiin Ayyaana Woyyichaan guutamanee sodaa malee jecha Waaqaa lallabane.

32Dhugeeffattooti martinuu yaadaa fi gadhaa tokkoon jiraniiyyu. Isaan keessaa nami tokkolle, «Kun kiyya» waan jedhu hin qabuuyyu; isaan waan qabanu mara wolumaan qabaniiyyu. 33Ergantooti hunna guddo'oon du'aa ka'iisa Goottaa Yesuusii dhugaa bayane. Waaqille isaan mara irratti eebba guddaa jisseeraayyu. 34Isaan keessa rakkataan tokkolle hin jiru. Worri lafa yookiin mana qabanu martinuu gurguranee beesee fidanee, 35ergantootatti kennaniiyyu; ergantootille akka barbaachisaa te'etti beesee tokko tokkoofuu qoqoodaniiyyu. 36Lewwichi tokko, ka Yoseef jedhamu, Qophiroositti ka dhalate, ka ergantooti «Baarnaabaas» jettee waantu tokko jiraayyu; akkas jechuun «Ka nama jajjabeessu» jechu'u; 37inni lafa qabu gurguree, beesee fidee ergantootatti kenne.