Select a Verse
Addee Woyyitti'ii Fi Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa Keessaa
1Achiin duuba gara addee irra caalaa woyyittii Galma Waaqaa na geessee, inni utuboota isi'ii mike; badhinni utuboota isi'ii ka cinaa lamaaniituu ciqilee jaa te'e. 2Badhinni balbala isi'ii ciqilee kudhan te'e; badhinni dhaaba isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee shan te'e; inni addee woyyittii Galma Waaqaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee afurtama, badhinni isi'ii ciqilee diddama te'e. 3Achiin duuba gara kolloo keessaa seenee, utuboota balbala isi'ii mikee, dheerinni ciqilee lama, badhinni balbalaa ciqilee jaa, badhinni dhaabi isi'ii ka cinaa lamaanii tokko tokkoon isaatuu ciqilee torba te'e. 4Inni dheerinna Addee Irra Caalaa Woyyittii Galma Waaqaa keessaa mikee, dheerinni isi'ii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama te'e; achiin duuba inni, «Tun addee irra caalaa woyyitti'i» jedhe. 5Achiin duuba inni dhaaba dhaka'aa ka Galma Waaqaa mikee, furdinni isaa ciqilee jaa, badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa san jiranuu tokko tokkoon isaanii ciqilee afur te'ane. 6Kollooti cinaa lamaanii kuun kaan gubba'atti sufamee, sufaa sad te'anee wol irratti ijaaramaneeran; sufaan sun tokko tokkoon isaanii kolloo soddoma qaban. Kolloota cinaa Galma Waaqaa jirtu san kiphiisaaf dagalee heddu'utti jira; te'uu malee dagaleen hedduun sun Galma Waaqaatitti hin maxxanne. 7Badhinni kolloota adaala Galma Waaqaa sun sufuma sufaa irratti badhataa ol ideema; dhaabi ijaarsaa ka jalaa ka ol aanu caalaa furdata; yaabbannoon jalaa ol sufaa wodhakka'aa keessa bayee gara sufaa gubba'aatitti baasu jiran. 8Galmi Waaqaa hundee ol kaafantee itti marfantee ijaarante akka qabu dhagge; hundeen kolloota cina'aa sun hunduma san irratti ijaaranteerti. Furdinni hundee sanii ulee miki'ii ta ciqilee dheertuu jaa san tokko teete. 9Furdinni dhaaba ijaarsa kolloota cina'aa ka gara alaatiin jiru ciqilee shan. Addeen duwwaan kollootaa cinaa Galma Waaqaatii fi 10kolloota hayyootaa wodhakkaa jirti; badhinni isi'ii adaala Galma Waaqaa cinaa maraanuu ciqilee diddama. 11Kollooti cinaa Galma Waaqaa balbala gara addee duwwa'aa banantu qaban. Balbalti takkattiin gara kaabaa, balbalti takkattiin gara kibbaa fuula galteerti. Addeen duwwaan sun gara maraanuu ciqilee shan.
12Galma Waaqaa irraa karaa aduun seentuun, ijaarsi gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaatitti fuula galeeru tokko jiraayyu; furdinni dalleya ijaarsa sanii gara maraanuu ciqilee shan, badhinni isaa ciqilee torbaatama, dheerinni isaa ammoo ciqilee sagaltama.
13Achiin duuba inni Galma Waaqaa mikee, dheerinni isaa ciqilee dhibba te'e; badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaatii fi ijaarsi sun dalleya ifii woliin dheerinni ciqilee dhibba te'e. 14Karaa aduun baatuun badhinni dalleya keessaa ka Galma Waaqaa addee Galma Waaqaa fuula dura jirtu woliin ciqilee dhibba te'e. 15Achiin duuba inni dheerinna ijaarsa gara badhinna dalleya keessaa ka Galma Waaqaa fuula galee, Galma Waaqaatiin duuba jiru mikee, soroo isaa woliin ciqilee dhibba te'e.
Soroon Galma Waaqaa ka badhinna dalleya keessa ka gara keessaatitti fuula gale, addeen woyyitti'ii fi addeen irra caalaa woyyitti'ii, 16gulantaan, irga foddaa dhidhipha'aa, seesa dhaaba manaa ka gara keessaa, waan adaala san jiru maratti muki hephellichi itti gonfameera. 17Addee balbalaan gubba'aa, dhaaba addee irra caalaa woyyitti'iitii fi dhaaba addee woyyitti'ii keessaa gara alaatiin soroo Galma Waaqaa 18fakkiin dada ol-gubba'aa ka koola qabanuutii fi fakkiin muka meexxi'ii itti qiriixamaneeran. Dadi ol-gubba'aa ka koola qabanu sun tokko tokkoon isaaniituu fuula lama qaban. 19Ka fuula namaa qabu gara muka meexxi'ii ka gara tokkoo, ka fuula neenqa dardaraa qabu gara muka meexxi'ii ka gara kaanii fuula galeera. Isaan martinuu naannoo Galma Waaqaa irratti qiriixamaneeran. 20Lafa irraa kaasee haga balbalaan gubba'aatitti dhaaba addee woyyitti'ii irralle'etti dadi ol-gubba'aa ka koola qabanuu fi muki meexxi'ii irratti qiriixamaneeran. 21Mikikkilooti balbala addee woyyitti'ii roga afur ka wol qixxee te'e qaban. Mikikkilooti balbala addee irra caalaa woyyitti'ii dura jiranulle akkasuma roga afur ka wol qixxee te'e qaban.
Addee Ciinca'aa Ta Mukaan Hujate
22Addeen ciinca'aa ta muka irraa hujante, ta hojjaan isi'ii ciqilee sadii, dheerinni isi'ii ciqilee lamaatii fi badhinni isi'iille ciqilee lamaa takka jirtiiyyu; rogi isi'ii, shafeen isi'iitii fi cinaan isi'ii mukaa irraa hujameera; inni anaan, «Kun xarapheessaa Mootii Waan Maraa dura jiru» jedhe.
Balbala Galma Waaqaa
23Addee woyyitti'ii fi addeen irra caalaa Woyyitti'ii tokko tokkoon isaanii balbala lama lama qaban. 24Balbalti tokko tokkoo isaanii saanqaa gara lamatti banamu lama lama qaban. 25Akkuma dhaaba irratti qiriixameerutti balbala addee woyyitti'ii irralle'etti fakkiin dada ol-gubba'aa ta koola qadduutii fi fakkiin muka meexxi'ii qiriixamaneeran; soroo Galma Waaqaa san fuula duraan soroon jala qaxxaamuraa ta mukaan hujanteertu jirtiiyyu. 26Dhaaba soroo sanii gama lamaaniinuu foddaa dhidhiphaa fakkiin muka meexxi'ii irratti qiriixamaneeranutti irra jira; kollooti cinaa Galma Waaqaalle karaa seensumaatiin soroota jala qaxxaamuranu qaban.


