Select a Verse

Galmi Waaqaa Akka Deebi'ee Ijaaramuuf Ajaja Kenname

1Daariyos mootii te'ee woggaa lammeesso'oo, ji'a jayeesso'oo keessatti guyyaa qaraa, Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin, ilma She'altii'elii Zarubaabel ka biyya Yihuda'aa bulchuu fi ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha guddaa te'eeruuf dubbate.

2Mootiin Waan Maraa Ka Waan Mara dade Haage'een, «Kolbaan tun, ‹Yennaan Galmi Waaqaa deebi'ee ijaaramu hin geenne› jetti» jedhe. 3Tanaaf Mootiin Waan Maraa karaa Haagee raagichaatiin dubbatee, 4«Kolbaa tiyya! Manni kiyya diigameeruun, isin ifiif mana keessan ka seefamee ijaarameeru keessa le'uun yenna'aa ree? 5Me haala keessa jirtanu ilaala'a! 6Bacaa facaafattanee, diqqaa galfattane; hin nyaattan, ammoo hin quuttanu; hin untan, ammoo dheebuu hin baatanu; woli irratti uffattan, ammoo boojjii hin baatanu; mindaan isin hujjanee dhaggattanulle akka waan subba urata qabu keessa keyanee ti. 7Kun maaf akka isin irra geye ilaala'a! 8Amma gara koobotaa ol baya'a; muka mura'aatii fida'a; Galma kiyya deebisa'aatii ijaara'a; anille itti hin gammada, ittille hin galateeffama.

9«Isin bacaa galfanna jettanee yaadattane; ammoo diqqaa galfattane. Waan isin galfattane sanuu, ani afuufee balleesse. Ani maaf tana godhe seetan? Galmi kiyya diigameeruun, isin martinuu mana keessan ijaaratiisaaf olii gadi waan fiiddanuuf tun teete. 10Tanaaf bokkeenni roobuu dhabee, lattille midhaan baasuu dhadde. 11Ani lafa irratti, kooba irratti, midhaan irratti, muka woyni'ii irratti, muka ejersaa irratti, waan latti baattu duudii irratti, nama irratti, hori'ii fi waan harki keessan huje duudii irratti, oolaa fideera» jedhe.

Kolbaan Mootii Waan Maraatiif Ajajante

12Achiin duuba ilmi She'altii'elii Zarubaabelii fi ilmi Yozaadaaqii Iyaasuun hayyichi guddaan, kolbaa boojuu irraa deebite duudii woliin jecha Mootii Waan Maraa Waaqa ifiitii fi Haageen raagichi ka Mootii Waan Maraatiin ergameeru waan te'eef, ergaa karaa isaatiin erganteef ajajamane; kolbaalle Waaqa sodaatte. 13Achiin duuba Haageen ergamaan Mootii Waan Maraa sun, «Mootiin Waan Maraa, ‹Ani isin woliin jira› jedha» jedhee, ergaa Mootii Waan Maraa kolba'aaf dabarse. 14Maarre Mootiin Waan Maraa ayyaana ilma She'altii'elii Zarubaabelii bulchaa Yihuda'aatii fi ayyaana ilma Yozaadaaqii Iyaasuu hayyicha gudda'aa, akkasuma ayyaana kolbaa boojuu irraa deebite duudi'ii kakkaase. Isaanille Galma Waaqa ifii, ka Mootii Waan Maraa Ka Waan Mara dadee ijaariisa jalqabane. 15Kunille Daariyos mootii te'ee, woggaa lammeesso'oo ji'a jayeesso'oo keessatti, guyyaa diddamii arfeesso'ootitti te'e.